Obboo Abbaay Tsahaayyee dabalatee hoogganootni sadarkaa ol’anoo afur hojii irraa arihaman.

Obboo abbaay Tsahaayyee akka lakkoofsa Itoophiyaa ji’a Bitooteessaa 09/2006 irraa jalqabnii daayrekteera ol’aanaa Tarsimoo fii qorannoo hoogganaa turan xalyaan muummee ministeeraa Dr. Abiyi Ahmadin barreefameen akka gaafa ji’a Eblaa 12/2010 angoo hojii irraa kaafaman ibsameera.
Obboo Tweedroos Haagos miseensi dhaaba bilisa baasaa Tigreey kan ta’e akka lakkoofsa Itoophiyaa Ebala 12/2010 angoo irraa akka kaafamaniif xalayaan Muummee Ministeeraa irraa isaan dhaqqabuun himame.
Xalayaan wal-fakkaattu muummee Ministeeraa Dr. Abiy Ahamd irraa Koloneel Taazeer Gabra-Igzi’aabeher dhaqqabuun akka angoo dhaaba ISNA jedhamu kan hojii basaasummaa sararaa irraa gaafa ji’a Ebla 12/2010 kaafamau isaaniis dhaqqabee jira.
Bifuma wal-fakkatuun Obboo Geetaachoo Ambaayee angoo Abbaa Alangaa federaalaa gaafa ji’a Eblaa 11/2010 irraa jalqabanii hojii akka gadi dhiisan xalayaan Muummee Ministeeraa Dr. Abiyi Ahmad irraa isaaniis dhaqqabeera.
Namootni hojii irraa kafaman jedhaman kun yeroo amma angoofii hojii akkamii irratti akka ramadanii jiran wanni barame tokkleen hin jiru.
Obboo Abbaay Tsahaayyee malaammaltummaa horii kubbaaniyaa Sukkaraa tiif komiin guddaan ummata irraa isaanirrat dhiyaachaa jira.