Obbo Olbaanaa Leellisaa, Iskindir Naggaa, Aandu’aalam Arraagee fi ustaaz Ahmaddiin Jabal dabalatee hidhamtoonni 746 gadhiifaman

Obbo Olbaanaa Leellisaa ,Iskindir Naggaa, Aandu’aalam Arraagee fi ustaaz Ahmaddiin Jabal dabalatee hidhamtoonni siyaasa 746 gurraandhala 7 bara 2010 mana hidhaatti gadhiifamaniiru
Hidhamtooni mana hidhaatti gadhiifaman kunnin sababa Siyaasa fi mankaraarsummaa amantii jedhun hidhamanii dararamaa kan turan
Pirezedaantii naannoo Gaambeellaa duraanii fi lamummaa Norwaay qaban Okeelloo Okaay, Caaltuu Taakkalaa, obbo Olbaanaa Leelisaa, aadde Immaawwaayyish Alamuu, obbo Iskindiir Naggaa, Andu’aalam Arraagee, Kinfamikaa’eel Dabbabaa gadhiifamaniiru
Akkasumas miseensoonni koree fala barbaadu dhimma muslimoota Itoophiyaa yakka mankaraarsummaa amantiin himataman hidhaman Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Ustaaz Ahmad Musxafaa, Ustaaz Muhaammad Abaatee fi dargagoo Khaaliid Ibraahim mana hidhaatti gadhiifamaniiru
Gaazexxestoonni, namoonni Siyaasa fi Aktivistoonni baay’inaan kan gadhiifaman ta’uus, hidhamtoonni siyaasa obbo Andargaachoo Tsiggee dabalatee kan biroo ammas mana hidhaa keessa jiru
Birgadeer Jeneraal Tafarraa Maammoo Birgadeer Jeneraal Asaminaaw Tsiggee , Koloneel Damisaaw Antanaah, Koloneel Dammaqaa Zawwuduu, Nigist Yirgaa, Yoonaataan Tasfaayee dabalatee hidhamtoonni siyaasa heddu mana hidhaa waayyaannee keessatti dararama jiru
Lammiileen Itoophiyaa hundi qabsoo nagaa cimsanii akka itti fufan namoonni mana hidhaa waayyaanneetti gadhiifaman kunniin gaafataniiru