Pirezidaantiin naannoo Gaambeellaa duraanii Obbo Okeelloo Akuway dhumaatii uummata Gaambeellaa ilaalchisee mana murtiitti ibsa kennan.
Adeemsa dhaanichaa jal’isuun, ragaa sobaa uummtaaf akka dhiheessan taassifamuu isaanii fi yakki dhumaatii uummata irratti raawwatame nagaa waan isaan dhorkeef, pirezidaantummaa isaanii dhiisanii daangaa ce’uun baqachuu isaanii mana murtiitti barreefamaan dhiheessaniiru.
Waxabajjii 1978 narsii ta’uun hojii mootummaa jalqabuun hanga bulchaa naannoo ta’utti waggoota 18 mana mootummaa keessaa hojjechuu isaanii kan himanii fi abbaa ijjoollee sadeetii ta’uu kan dubbatan obbo Okeelloon waggaa 15 har’aa badii uummata Gaambeellaa irratti raawwatame tokko tokkoon mana murtiitti himaniiru.
Muddee 5/1996 qabsaa’aa wayyaanee kan turan Shalaqaa Tsaggaayeen dursamuun kan socho’u humni ittisa biyyaa uummata Anyuwaakii dhiirota 424 adda baasuun fixuun maqaa, bakkaa fi saalaan adda bahuun addunyaatti osoo hin beekamin koree giddu galaa wayyaanee kan turan Dr. Gabre’abi Barnaabas televizyiiniin dhihaatani walitti bu’iinsi kun kan uummata Anyuwaakii fi Nuweer jechuu isaanii obbo Okeelloon barreeffamaan ibsaniiru.
Guyyaa lamatti jechuun mudde 6/1996 ganama raadiyoo jarmaniin walitti bu’iinsi kun kan uummata Anyuwaakii fi Nuweer miti jechuun yaada wal faallessu dubbataniiru.
Ta’us ajaja muumichi ministeeraa yeroo sana MallasZenaawwiitiin qorannoo yeroo sana mana maree Gaambeellaa keessatti taassifameen tumaatiin kun kan raawwatame walitti bu’iinsa uummata Anyuwaakii fi Nuweeriin jechuun dhiibbaan yeroo taassifamu diduu isaaniitiin walgahichi bakka isaan hin jirretti hoteela Itoophiyaatti gaggeefamuu isaas ibsaniiru.
Walgahicha irratti baayyinaan namootni du’an dhiira 59 fi dubartii tokko jechuun walumaa galatti namoota 60tu du’e jechuun waliigaltee irra gahamuu isaa hubachiisan.
Yeroo sanaaf dhimma federaalaa fi hundeess Yihaadeg kan ta’an obboo Abbay Tsehiyeen kan qophaa’e yaada murtee kana akka mallatteessan ta’uu baannaan pireezidaantummaa irraa bu’uun to’annaa jala akka oolan murteen akka itti kenname dhalataa Nuweer walgahicha keessa tureen ergaan yemmuu isaan gahu biyya gatanii baduu isaanii himaniiru.
Ajjeechaan kun raawwatamee guyyaa 24ffaatti mudde 29/ 1996 murteen kun darbuu isaa yemmuu dhagahan ganama isaa gaafa muddee 30/1996 biyya gadhiisanii deemuu isaanii barreeffama isaanii irraa hubachuun danda’ameera.
Bakka baqatanii jiranitti gochaan suukanneessaan raawwatame kun boqqonnaa sammuu waan isaan dhorkeef qabsaa’aa mirgaa ta’uu malee kaayyoo fottoquu akka hin qabne himaniiru.
Mootummaan Sudaan KIbbaa dolaara miliyoona 23’n Juubaa irratti humnoota tika mootummaatti akka isaan gurgures hubachiisaniiru.
Waliigalatti mootummaan Itoophiyaa isaan hidhuu fi rakkisuuf dolaara moliyoona 39.5 baasii taassisuu isaa addeessaniiru.
“Miseensa wayyaanee fi miseensa dhaaba deggersaa ta’ee hin beeku, akka obbo Mallas yakka sanyii duguuguu hin qabu, pireezidaantummaas ta’ee ministeerummaan isaanii nama hin hawwisiisu ” kan jedhan obbo Okeelloon, mana murtii Itoophiyaa caala mana murtii waraana addunyaatti akka barbaadaman himaniiru.
Yakkamtootas maqaa dhahuun wajjin dhihaachuu akka barbaadan himaniiru.
Mallas zeenaawwii fi gargaatoota isaa Umidii Abaangi, Tsaggaayee Bayyanaa, Gebira’aab Barnaabas, Abbay TSahayee, Bereket Simi’oon, Addisuu Leggesee, Sibihaat Neggaa, Saamoraa Yenuus, yohaannis Gebire Mesqel, Abbaa Duula Gammadaa, Almaawu Alaamirewu fi Taaddesee Hayile Silaase” mana murtii waraana addunyaatti dhihaachuu akka qaban eebla 11/2008 mana hidhaa Qilinxootti xalayaa bareessaniin gaafataniiru.
Waggoota 10 lafa maatii isaanii waliin baqatanii jiraatan Nooriwayii gara Sudaan Kibbaa Jubaa dhaquu isaaniitiin wal qabatee, humnoota nageenyaa Sudaaniin qabamuun mootummaa Itoophiyaatti dabarfamanii kan kennaman Obbo Okeelloon yakki shororkeessummaa itti himataman fudhatama dhabus Gaambeellaan Itoophiyaa Irraa akka futtoqxuuf sochii taassiseera jechuun torban kana keessa hidhaan waggaa sagalii irratti murtaa’eera.
Ragaa barreeffamaa mana murtiif dhiheessaniin paartilee siyaasaa tokkummaa Itoophiyaa barbaadan waliin miseensa taateetta jechuun miseensummaa irraa mulqamuu isaanii himuun himannaan irratti dhihaate sirrii miti jedhaniiru.