Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Cufamuun Oomisha Albuuda Tantalamii komii kaaseera

Naannoo Oromiyaa godina Gujii aanaa Sabbaa Boruutti kan argamu Oomishni albuuda Tantalamii Qaanxichaa rakkoo naannoo fi jirattootarraan gaha jiru wajjiin walqabatee akka cufamu murta’eera.
Tarkaniiffiin Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa Oomisha Albuuda tantalamii qaanxichaa cufuun fudhate kun mootummaa Federaalaa waan hin gammachisneef komii kaaseera.
Oomisha albuuda tantalamii Qaanxichaarratti dargaggoonni naanniicha gurma’aanii oomishuun gabaaf dhiyeessuun akka fayyadamaniif yaadame ta’uu gaazexxaan Ripportaar jedhamu gabaaseera
Korporeshiniin Albuudaa, Boba’aa fi Baayoofiyuulii waggoota 28n darban albuuda tantalamii oomishuun gabaa biyyaa alaaf dhiyeessa akka ture himameera
Mootummaan federaalaa Albuuda kana biyyaa keessatti qindeessuu fi galtee itti dabaluun sharafa alaa guddaa irra argachuuf akka murteesse beekameera
Haaluma murtii kanan Ministeerri DhaabbileeMisooma Mootummaa gahee wadhakaa Oomisha albuuda tantalamii kana gurguruuf sadarkaa addunyaatti caalbaasii baasee akka ture gabaafameera.
Bulochiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa fi Korporeshiniicha gidduutti guyyaa caalbaasiin kun bahee jalqabee waliigalteen akka hin jire beekameera
Korporeshinichi dargaggoota naanniichaaf carraa hojii uumuuf wagga waggaan birrii miiliyoona sadi ramaduus gama bulchiinsa godina Gujiin fudhatama akka hin argannee gabaafameera.
Tarkaniiffiin fudhatame kun gahee wadhakaa qabiyyee oomisha tantalamii gurguruuf caalbaasii bahee akka hin gufachisneef ministirri dhaabbilee misooma mootummaa Obbo Girmaa Amantee pirezedantii naannoo Oromiyaa Lammaa Magarsaa wajjiin mari’achuuf akka murteessan beekameera.
Oomishin Tantalamii Qaanxichaa qabeenya uumama fi jirattoota naanniicha irratti miidhaa guddaa qaqqabsiisa akka jiru yeroo adda addaa gabaafama tureera.
Keessattu, haroon kuusaa balfa oomisha Tantalamii itti kuufame har’aa fi boru jigee lubbuu namoota fi beelladootarra miidha guddaa qaqqabsiisa jechun jirattoonni sodaa guddaa keessa akka jiran beeksisaniiru.
Kana malees dargaggoonni naanniichaa carraa hojii dhabuun akkasumas jirattoonni naanniicha bu’uuralee misoomaa dhabuun wayita rakkatan bulchiinsi oomisha Albuuda tantalamii tarkaniiffiin fudhatan tokkolee akka hin jiru jechun jirattoonni komataniiru