Mumichi ministeeraa Dr. Abiy Ahimad daawwannaa naannoo gara garaatti taassisaa jiran itti fufuun guyyaa har’aa magaalaa hawaasaa daawwatan.

Dr.Abiy erga aangoo qabatanii , imala isaanii Naannolee gara garaatti taassisaniiru.

Imala isaanii jalqabaatiin Naannoo Somaalee magaalaa Jijjigaa kan daawwatan yoo ta’u, itti aansuun Ambo, Maqalee, Naannoo Amaaraa Gondarii fi Bahir-daritti taasisuun guyyaa har’aa ammoo Naannoo Kibbaa magaalaa Hawaasaatti ummata marihachiisan .

Wayita jilli DR. Abiyyiin durfamu magaalaa hawaasaa gahanitti Simannaa ho’aan qondaalotaa fi hawaasa naannichaan taassifameefii jira.

Dr.Abiy turtii isaanii kanaan Istaadiyeemii magaalaa Hawaasatti argamuun Sabaaf sablammoota Naannichaa wajjin marii akka taassisan beekameera.

Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo sabaaf Sablammootaafi Uummattoota Kibbaa Dassee Daalkee tokkummaa, jaalalaafi waldanda’uun jiraachuu naannoon isaanii qabu akka biyyaattis fakkeenyummaa kana baballisuun hojjenna jedhan.
Itti dabaluun Hojii hoggansi Minisiteera Muummee Dr. Abiy malaammaltummaan, loogii fi rakkoo haqaa maqsuuf taassisu keessatti bira dhaabbachuun lammiileen hundi fayyadamoo ta’uu akka danda’an naannoon isaanii akka hojjetan Obba Dasseen dubbataniiru.

Ministeerri Muummee Dr. Abiy ammoo naannoon kun seenaa dheeraa, aadaa bal’aa bakka guddaa qabu jedhan. “Tokkumaafi nageenya biyya keenyaaf ga’ee guddaa naannoon kun gumaache ibsuun, “Naannoon kun garaa garummaa keessatti tokkummaafi jaalalaan jiraachuu qabatamaan kan agarsiisedha,” jedhan.

Qabeenyi tuurizimii bal’aa kan aadaafi uumamaan jiran caalmaatti jijjiirama hawaasaa-dinagdee uummataaf akka oolan dubbatanii, mootummaa federaalaa kan naannichaa waliin akka hojjetus mirkaneessaniiru.

Dr. Abiy, tokkummaa, jaalalaafi wal danda’uun waliin jiraachuu, akkasumas kunuunsa qabeenya uumamaa mala aadaa bareedaa naannicha keessa jiru haalaan cimsuun guddina biyyaaf akka gumaachaniif waamicha misoomaa dhiyeessan.