Mormiin Ummataa Bulchiinsa mootummaa Waayyaannee balaleeffatu cime itti fufeera

Bulchiinsi mootummaa waayyaannee waggoota 26 ture xumura akka argatuuf mormiin ummata biyyaatti jalqabame bifa adda addaan cimee itti fufeera.
Godina Gamogoofaatti jirattoonni magaala Saawulaa kaffaltii gibiraa waan itti hammateef halkan sanbata darbee wajjiira galiiwwanii fi Gumuruukii magaalaatti ibidan barbadeessaniiru
Jirattoonni magaalaatti bulchiinsa waayyaannee dheeressuuf maallaqa rasaasiin ittin bitamu hin kaffalu jechun mormaniiru.
Mormii ummataa oromoo fi Amaaraa akka deeggaraniis jirattoonni himaniiru
Mormii kana booda dargaggoonni magaala Saawulaa dimishaashaan gara mana hidhaatti guramaa akka jiran jirattoonni dubbataniiru
Mormiin Barattoota Yuunivarsitiwwaan adda addaa bifaasa jijjiirachun kadiroota waayyaannee cinqu akkauma itti fufeetti jira.
Mootummaan waayyaannee gaaffii ummataaf deebii kennurraa humna fayyadamaa waan jiruuf barattoonni yuunivarsiitii Haromaayaa kumni 35 moora gadhiisanii bahuuf dirqamaniiru
Waadan Abbootii Gadaan galameef hojiirra waan hin ooleef moora yuunivarsitichaa gadhiisanii bahaa akka jiran beekameera.
Barattooni Yuunivarsitii Jimmaa gara maatii isaanii akka hin deemneef Miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Pooliisii Federaalaan akka dhoorkaman himameera
Barattoonni Yuunivarsitichaa moora keessatti akka hidhamtoota ukkamfamanii jiraachusanii maddeen oduu gabaasaniiru
Magaala Harara naannoo Aratanyaa fi mana barnoota Meenshiin jedhamutti hiriirri mormii akka jiru gabaafameera
Mormiin ummataa kun magaala Awadaay, Mandii, Dambidolloo fi Begiitti hidhaa dimishaashaa fi tarkaniiffii raayyaan ittisa biyyaa fudhachaa jiru balaleeffachuun cimee itti fufeera
Gaaffiin Ummataa kun ajjeechaa dimishashaa, hidhaa fi darara miseensoonni Raayyaa ittisa biyyaa fudhatan akkasumas magaloota keessa akka bahan gaafachudha jedhameera