Mormiin Bulchinsa Naannoo Soomaaleeti dhooye guyyaa irraa guyyaan cimuun hiriirri mormii itti fufaa jira.

Mormiin bulchinsa naannoo soomaalee magaalaa Shinniilee ti jal’qabame guutuu bulchinsaa keessa babal’achuun godinaalee gara garaa keessatti itti fufaa jira.

Guyyaa hardhaa godinaa Jijjigaa magaalaa Toogcaalee keessatti mormiin cimtuun geggeeffameera.
Moggaasa maqaa afaan Somaaleetiin Dulmi-didi ykn Diddaa Roorroo jedhamuun mormii gaggeeffamee jiraattonni magaalaa kana jiraatan bulchiinsa Abdii illee irratti mormii jabaa gaggeessaa turaniiru.

Mormii geggeefame irratti dhaadannooleen dhageessifamaatiin turan keessaa, Nuti bulchiinsa Abdii illee hin feenu, gabrummaa fi hacuuccaan nurraa haa dhaabbatuu fi kanneen biros dhageessifamaa turaniiru.

Mormii guyyaa hardhaa magaalaa Toogcaalee ti geggeeyfameen wal-qabatee poolisoonni homna addaa jedhamu kan Abdi Illeen ajajamu dhukaasa jiraattota irratti banuun nama tokko ajeesuun , namoota baayyee madeessuun gabaafameera.
Jaarsooleen biyyaa poolisootaa wajjiin rakkoo cimaa keessa galaniiru. Waajjiraaleen magaalaa Toogcaalee cufamuun bulchitoonni magaalaa keessaa ari’amanii jiran. Daandiin Togcaalee magaalaa Jijjigaa deemu guutumaan guututti cufameera.

Mormiin bulchinsa naannoo Soomaaleetti cimee itti fufuun guyyaa jimaata darbee salaata jum’aatiin booda magaalaa Dirrii Dhawaa fii Shinniile tti masjiidota gara garaa ti hiriirri guddaan taasifamuu gabaasuun keeenya waan yaadatamuudha.
Mormiin hawaasa naannichaatiin dhiyeenya kana magaalaa Shinillettti eegalame, gara magaalota biroo kanneen akka Hadha-gaalaa fi Aayeshaa jedhamanittis ce’uun hawaasni mormii gochaa akka ture gabaasameera.

Mormii jalqabame dhaabuuf poolisoonni naannoo Soomalee liyyuu Haylii jedhamuun beekkamu godinaalee keessa sochoo’uun jiraattota doorsisaa jiraachuun himameera.