Mormiin Bulchinsa Naannoo Soomaalee godinaa gara garaa keessatti guyyaa irraa guyyaan cimuun hiriirri mormii itti fufaa jira.

Mormiin bulchinsa naannoo soomaalee magaalaa Shinniilee ti jal’qabame guutuu bulchinsaa keessa babal’achuun godinaalee gara garaa keessatti guyyaa irraa guyyaan cimee itti fufaa jira.

Guyyaa hardhaa magaalaa Dirree dhawaa keessatti mormiin cimtuun salaata jummaa booda geggeeffameera.

Mormii guyyaa hardhaa magaalaa Dirree dhawaa geggeefamu dhoorkuuf Abdi illeen loltoota humna Poolisii addaa jedhamu konkolaatota 12 magaalaa keessa bittinneesuus mormii ittisuu dadhabuun himameera.

Mormii geggeefame irratti dhaadannooleen dhageessifamaatiin turan, Nuti bulchiinsa Abdii illee hin feenu, gabrummaa fi hacuuccaan nurraa haa dhaabbatuu , bulchinsi Abdi Illee haa nurraa jijjiiramu fi kanneen biros dhageessifamaa turaniiru.

Mormii guyyaa hardhaa magaalaa Qabri dahar, dhagahaboor hadhaggaalaa, Erer ,bikkee fii godinalee biroottiis geggeefameera.
Magaalaa Qabr Dahar ti aaddee Teeysar Omar jaarsoolee iyyanna dhaleessuuf Waajjiraa Muummee Ministeeraa dhaqanii wajjin firummaa qabdi jechuudhaan Poolisii Liyyuu Haylii jedhamuun ajjeefamuun ishee jiraattota Qabri Dahar baayyee dallansiisuun kan ka’e jiraattonni mormii geggeessuun himameera.

Mormiin guyyaa Kamiisa kaleessaa geggeefameen jaarsooleen biyyaa magaala Toogcaaleetti poolisootaa wajjiin rakkoo cimaa keessa galaniiru. Guyyaa Kaleessaa waajjiraaleen magaalaa Toogcaalee cufamuun bulchitoonni magaalaa keessaa ari’amanii, daandiin guddaan biyya Soomaalee Land magaalaa Hargeessaa irraa magaalaa Jijjigaa deemu guutumaan guututti cufameera.

Mormiin bulchinsa naannoo Soomaaleetti cimee itti fufuun guyyaa jimaata darbees salaata jum’aatiin booda magaalaa Dirrii Dhawaa fii Shinniile tti masjiidota gara garaa ti hiriirri guddaan taasifamuu gabaasuun keeenya waan yaadatamuudha.

Mormii jalqabame dhaabuuf poolisoonni naannoo Soomalee liyyuu Haylii jedhamuun beekkamu godinaalee keessa sochoo’uun jiraattota doorsisaa jiraachuun himameera.