Mirgaa isaanii waan gaafataniif qofaaf namoota qabee hidhee keessaa marsaa lammaaffaan hidhamtoota kuma jaha fi 988 giddu galaa leenjii loltummaa Xoollaay fi Yirgalamiitti hidhee daraaraa ture akka gadi dhiisee mootumaam Itoophiyaa beeksiseeraa.
Hidhamtoota gadidhiifamaan keessa kumni shanii fi 605 giddu galaa leenjii loltummaa Xoollaay keessatti haala sukkaneessaan dararaama erga turanii booda kan gadidhiifaman akka ta’ee beekameera. Kan hafaan hidhamtoonni 1,385 immoo naannoo Ummattoota kibbaa Yirgalaamii akka gadidhifaman himameera.
Namoonni Giddualaa leenjii loltummaa Xollaay gdidhiifaman naannoo Oromiyaa keessaa yakka tokko malee qabamanii kan hidhamaniidha. Namoonni Yirgalaamiitti hidhaman immoo Aanaa Koonsoo fi Godina Geedi’oo keessa kan qabamanii hidhaman akka ta’e beekameera.
Bifuma walfakkatuun namoonni naannoo Amaaraatti mootummaan waan mormaniif qabamanii giddu gala leenjii loltummaa Biri -shalaaqootti hidhaman keessa 497 marsaa lammaaffaan gadi dhiifamuu sirni eebbaa gaaggeeffama jira jedhameera.
Hidhamtoonni kunniin daraara adda adda maddiitti mata duree haala Itoophiyaa fi Waaraqsa haalluu, Heeraa mootummaa fi sirna mootummaa , Haaromsa Itoophiyaa fi irra hin deebi’amuu jedhu irratti leenjiin akka leenji’an qondaltoonni mootummaa dubbataniiru
Mootummaan Itoophiyaa humna loltoota isaatti fayyadamuun namoota nageenya kutaalee biyyaatti adda adda keessa yakka tokkoo malee hidhuun erga daraaraa turee booda maqaa leenjii haaromsa fudhatan jedhuun sirna eebaa jechaa gadhiisa jira.
Hidhamtoonni giddugalaa leenjii loltummaa keessatti haala sukkaneessaan dararaamaa akka turan hidhamtoonni leenjii haaromsaa fudhatan jedhaman marsaa duraa gadhifaman himaniiru.
Hidhamtoonni bishaanii fi nyaata gahaa akka hin argane, kutaa xiqqoo tokko keessatti namoota baay’ee bakka tokkootti hidhu, gammoojjii biyyeen akka ibdaa nama gubu keessatti kophee malee akka deemaan gochu, maqaa qorannoo jedhuun loltoonni guyyaa fi halkaan isaan reebaa akka turan namoonnii lenjii haaromsaa fudhatan jedhamanii gadidhiifaman beeksiisaniiru.
Leenjiin mootummaan kennee leenjii Haaromsaa osoo hin taane leenjii namoota soodachiisuu fi guyyaan fi halkaan reebuun namoonni gara fulduraatti mootummaa akka hin mormineef jiilchuu irratti kan xiyyeeffate akka ture namoota mana hidhatti gadi dhiifamaniirra hubachuun danda’ameera
Oduu biraatiin immoo, Gaazexxestoonni Itoophiyaa lama sababa labsii hatattaamaatiin hidhaman sarbamuu mirga namoomaa isaanirra gahu ilaalchiisuun Bareessaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitiif xalayaa bareessaan
Gaazexxeessaa Eliyaas Gabruu fi Ananiiyaa Soorii erga loltoota mootummaan qabaman jalqabee maatii isaanii wajjiin akka wal hin argne akkasumas mana dukkanaa keessatti kophaa isaanii guyyoota sadiif hidhamanii akka turan beeksiisaniiru.
Hawaasni Addunyaa mootummaa irratti dhiibaa qaqqabsiisuun mirgi namoora seeraa biyyaattin mirkan’aan akka kabajamuuf itti gaafatamummaa isaanii akka bahan Xalayaa fuulaa lama bareessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtomaanii Antoniiyoo Gutareessiif bareessaniin gaafataniiru