Mootummaan Itoophiyaa tarkaniiffii seeraan alaa loltoonni mootummaa ummataa irraatti fudhatan uwwisa miidiyaalee akka hin arganeef caasaalee oduu toora Interneetii 16 akka cufe Amnestii Internaashinaalii gabaasa baseen beeksiiseera.
Tarkaniiffii Mootummaan Itoophiyaa caasaalee toora interneetii dabalatee, tajaajila Interneetii gutumaatti cufuu fi to’aachuuf fudhateen, paartii mormitoota fi qamooleen mirga namoomaaf falmaan miidhhaf saaxilamuu isaanii qorannaan Amnestii Internaashinaalii Jarmiyaa Observatory of Network Interference jedhamu wajjiin qorateen beeksiisera
Mormii Ummata Oromoo waggaa darbee jalqabame wajjiin walqabatee tarkaniiffiin tajaajila interneetii cufuuf yeroo labsii hatattaamaa labsameetti cimee akka itti fufe Amnestiin beeksiiseera.
Mootummaan Itoophiyaa tajaajila tekeneloojjii waan cufeef gochi ukkamsuu fi hacuuccaa lammilee biyyaatti irratti fudhachaa jiruu haalaa gahaadhaan adda baasaanii beekuu akka hin dandenyee Amnestii Internaashinaal gabasaa baaseen beeksiisera.
Tarkaniiffiin mootummaa Itoophiyaatiin fudhatamaa jiru bu’uura seeraa akka hin qabnee Amnestii Internaashinaaliitti Itti-aantuu hoggantuun biyyoota Gaanfa Afriikaa fi Haroowwaan Gurgudduu Micheelii Kaagaarii dhaabbilee Sab- Qunnamitti Addunyaatti himaiiru.
Mootummaa Itoophiyaatiin tarkaniiffii seeraan alaa loltoonni mootummaa fudhatan haala gahaa ta’een xiyyeeffannaa hawaasa addunyaa akka hin arganeef caasaaleen oduu toora interneetii 16 akka cufee himaniiru
Biyyaatti keessatti filannoo midiyaalee yaada qaamaa hundaa keesummeessaan cufuurra qondaltoonni mootummaa gaaffii ummataa fi sarbamuu mirgaa namoomaaf xiyyeeffannaa kennuu akka qaban Micheelii Kaagaarii hubachisaniiru.
Mormii Ummata Oromootiin namoonni dhibba torbaa ol akka ajjeeffaman dhaabbatichi beeksiisaa tureera. Loltoonni mootummaan tarkaniiffi humna seeraan alaa wal hin madaalee akka fudhatan Amnestii Internaashinaal beeksiisa tureera.
Itti-aanaa dubbi himaan Mootummaa Itoophiyaa obboo Mahammaad Sayiid gama isaaniitiin, tajaajili Interneetii bilbilaa harkaa irratti rakkoo muuddatee malee tajaajili Interneetii addaan citee hin jiru jechuun Asosheetiid piireesiitti himaniiru
Ministirrii Muummee Obboo Hayilaa Maariyaam Dassaleeny dabalatee qondaltoonni biyyaatti tarkaniiffiin tajaajila interneetii addaan kutuuf fudhatamee mormii ummaata biyyaatti raaseef furmaata kennuuf jechuu isaanii kan yaadatamudhaa.
Oduu biraatiin, qabinsa mirga namoomaa Itoophiyaa keessaa jiru irratti mar’achuuf gareen Gargaara Ministirra Dimokiraasii fi Mirga namoomaa Amerikaa Tomi Maaliinowuskiin hogganamu gara Itoophiyaa deemeera.
Gareen kun guyyoota sadeen Itoophiyaa keessa turuun sodaa Amerikaan haala qabinsa mirga namoomaa Itoophiyaa keessa jiru Ilaalchisuun qabdu irratti qondaltoota mootummaa wajjiin ni mari’ata jedhameera. Kana malees ministirich hoggantoota paartiilee siyaasaa fi bakka bu’oota dhaabbilee hawaasaa wajjiinis ni mari’atu jedhamee eggama.
Haaluma wal fakkaatun, Mootummaan Itoophiyaa tekeneloojii toora Interneet basaasuuf gargaaru diippii Paakkeet Inspekeeshiin (Deep Packet Inspection) jedhamu fayyadamaa jira jedhameera.
Tekeneloojiin diippii Paakkeet Inspekeeshiin kun hojiilee nageenyaa wajjiin wal qabatee hojjatamuuf kampaaniiwwaan addunyaa gara garaan kan dhiyaatudha. Yaa ta’u malee, Mootummaan Itoophiyaa tajaajila tekeneloojiichaa tajaajila interneetii basaasuu fi to’aachuuf akka itti fayyadamu Amnestii Internaashinaal beeksiiseera
Mootummaan Itoophiyaa yeroo ammaa toora Interneeti mootummaan cufaman akkasumsa tajaajila interneetii fayyadamuun erga namoonni gara Imeeliitiin waliif ergan hordofuuf itti fayyadama akka jiru dhaabbanni mirga namoomaaf falmuu beeksiiseera.
Tekeneloojiin kun odeefaannoo bilbilaa harkaa irra jiru karaa salphaadhaan to’aachuu fi hordofuuf akka gargaaru bareeffama waa’ee tekeneloojii kana ilaalchisuun bareeffameera hubachuun danda’ameera.
Itoophiyaa keessatti Kampaaniiwwaan Bu’uuraalee tekeneloojii misooma bilbilaa babal’isaa jiran Hu’aawee dabalatee Nookiyaa, Eriksoon,Siskoom Sisteem fi dhaabbileen tekeneloojii 19 tekeneloojii diippii Paakkeet Inspekeeshiin jedhamu kana dhiyeessa akka jiran beekameera.
Tekeneloojiin biyyaa Chaayiinaa Hu’aawwee jedhamu waggoota muraasaan dura ofiif liiqii dhiyeessuun bu’uura misoomaa bilbilaa dolaarii miiliyoona lamaa babal’isuuf mootummaa Itoophiyaa wajjiin waliigaltee mallatteessuun isaa ni yaadatama.
Waggaa tokkoon dura mootummaan Itoophiyaa tekeneloojii tajaajila Interneetii basaasuuf isaa garagaaru Yuuroo miiliyoonaa tokkoon kaampaanii Xaaliyaanii tokko irraa bitaa akka jiru gaazeexaa Waashingtaan Poost dabalatee miidiyaaleen addunyaa gabaasaa akka turan ni yaadatama.