Hoggantoonni Dhaabbannii gargaarsa misoomaa Adduunyaa Biriteen gamasantiin, gaaffii ministiroota muraasaan dhiyaate kun adeemsa seeraan alaa ta’uu danda’a jechuun yaada kana akka mormaan gaazexxaan Hafingitaan jedhamu gabaasera.
Gargaarsi biyyoota Afriikaa kennamu kun gara deeggarsa biyyoota baha Awwurooppaa kan akka Polaand, Hangaarii, Istoniiyaa, Laativiiyaa fi Liitooniiyaaf akka kennamu ministiroonni biyyaatti gaafacha jiru.
Mootummaan Biriteen wagga waggaan Pawoondii Biiliyoona 12tti dhiyaatu gargaarsa biyyoota gara garaaf ni ramada jedhameera. Maallaqaa kana keessaa irra caalii biyyoota Afriikaaf akka kennamuu himameera.
Biyyoota Afriikaa maallaqaa gargaarsa mootummaa Biriteen harka caaluu argatan keessa Itoophiyaan adda dureedha. Biyyoon akka Sudaan Kibbaa fi Siraliyoon immoo sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa irra jiru
Waggoota shanan darabaniif lola wal-wajjiiniitin unkuraamaa kan jirtu Soriiyaan immoo biyyoota Afriikaa irraan aantee biyyaa gargaarsa maallaqaa mootummaa Biriteen harkaa caaluu argatu jedhameera
Biyyaattiin maallaqaa gargaarsan biyyoota Afriikaaf kennituu kana raawwii adeemsaa gamtaa Awwurooppaa keessa bahuuf gochaa jirtuu akka itti fayyadamtuuf ministiroonni biyyaatti yaada dhiyeessaniiru.
Dabalatan maallaqa gargaarsaan biyyoota Afriikaaf kennitu kana maarii adda addaa Gamtaa Awwurooppaa waajjiin gaggeesituuf akka itti fayyadamitu ministiroonni biyyaatti gaafataniiru
Garagaarsi maallaqaa mootummaan Biriteen Itoophiyaa kennu yeroo adda addaa kaayyoo kennameef oolaa hin jiru jechuun mormii dhiyaata tureera.
Haaluma kanan, ji’a tokkoon dura yaada miseensoonni Parlaamaa fi dhaabbileen miidiyaan dhiyaatan hordofuun mootummaan Biriteen gargaarsa maallaqaa barnoota hawaasummaa babal’isuuf jecha Itoophiyaaf kennaa ture akka dhaabee murteessuun isaa ni yaadatama
Kun yemmoon Kanaan jiru, Miseensoonni Parlaamaa Biriteen 53 lammii Biriteen Andargaachoo Tsigee murtiin du’aa itti murta’ee mana hidhaa Itoophiyaa keessa jiraan akka gaadhifamuu yeroo gaafachaa jiraniitti mootummaan Biriteen qamoolee nageenya olaanoo Itoophiyaa leenjisa akka jiru gabaafameera
Lammiin Biyyaa Biriteen Andargaachoo Tsigee seeraan alaa mana hidhaa Mootummaa Itoophiyaa keessatti murtiin du’aa itti murta’ee osoo jiruu, gargaarsa mootummaa Biriteniin qondaltoonni nageenyaa olaanno Itoophiyaa leenji’a jiraachuun gaaffii uumeera.
Miseenoonni Pooliisii, Raayyaa Ittisa Biyyaa , Ministeera Haqaa fi Dipplomatoonni olaannoo Mootummaa Itoophiyaa barnoota diigrii Mastariisii Bulchiinsa damee Nageenya sagantaa fandii gargaarsa UK tiin achuma Biriteeniitti hordofaa akka jiran himameera.
Haali lammiin biyya Birteen fi abbaan Ijoollee sadii Obboo Andargaachoo Tsiggee mana hidhaa Itoophiyaa keessatti hidhamee jiru yaadessaa yeroo ta’ee kanatti, oduun mootummaan Biriteen qondaltoota nageenya mootummaa Itoophiyaa leenjisaa jira jedhu kun kan gabaafame.
Miseensoonni Parlaamaa Biriteen 53 fi kutaaleen hawaasaa ilaalcha siyaasa gara garaa qaban xalayaa minsteera Dhimma Alaa Biriteeniif bareessaniin obboo Andargaachoo Tsiggee akka mana hidhaatii gadi dhiifaman gaafataniiru.
Kutaaleen hawaasa gara gara kunniin mootumman Biriteen dhimma Obboo Andargaachoo Tsiggee ilaalchiisee yaaliin taasiisee qubsaa miti jedhaniiru.
Mummeen gargaarsa Misoomaa Addunyaa Biriteen akka lakkofsa warra faranjoota bara 2014 gargaarsa barnoota kana dhaabee akka ture beeksiisee ture. Yaa ta’u malee, ji’oota muraasaan booda akka jalqabame himameera.
Qondaltoonni Mootummaa Itoophiyaa qondaltoonni nageenyaa olaanoon biyyaatti dhibbeentaa 90 ta’an digrii Mastariis isaanii biyyaa biriteeniitti baratanii akka xumuran bara 2016 gaazeexxaa ripportaariitti akka himun isaanii ni yaadatama
Obboo Andargaachoo Tsiggee akka lakkofsa warra faranjoota bara 2014 buufata xiyyaara Yaman Sana’aatti ukkamsamanii seeraan ala mana hidhaa Itoophiyaa keessatti dararaamaa akka jiran kan yaadatamudha