Walitti bu’insa dhihoo kana Gaambeellaatti umameen wal qabatee mootummaan Birtaaniyaa aanaalee afur naannichatti argamu keessatti akka hin imalle hubachiise.
Haala nageenya yeroo fi dhimmoota lammii Itoophiyaa keessa jiruun lammille isaatiif oddeeffannoo kan kenne ministeerri dhimma alaa Biritaaniyaa naannoo Gaambeellaatti bakkeewwan kanaan dura walitti bu’insi ture ammas sodaa rakkoo nageenyaa ta’uu isaa ibseera.
Naannoo Gaambeellaa godina Niweeri jalatti kan argaman aanolee Akooboo, Waantawwoo, Dikaawwoo fi Laalee akkasumas godina Anyuwaakkitti kan argamu aanaa Jooree keessatti sodaan nageenyaa itti fufee waan jiruuf, bakkeewwaan kanneenitti akka hin imalleef mootummaan Biritaaniyaa Lammillee isaa gaafateera.
Torbee dura walitti bu’iinsa uummata Anyuwakkii fi Niweeri gidduutti aanolee kanneen keessatti uumameen lubbuun namoota 50 ol darbuun isaa ni yaadatama.
Dhimmi ministeera federaalaa walitti bu’insi kun furmaata argateera jedhus mootummaan Biritaaniyaa naannoon kun nageenyaaf sodaachisaadha jechuun ibsa baasera.
Namoota walitti bu’isaan du’aniin alatti jiraattonni hedduun kan miidhaman yemmuu ta’u, qaamoleen nageenyaa federalaa fi naannoo lakkofsi isaanii hedduu ta’e achitti buufatanii akka argaman hubachuun danda’ameera.
Humnoonni nageenyaa kunneen namoota ka’umsa walitti bu’insa kanaati jedhamanii shakkaman to’annaa jala oolchuuf duula jalqabanis jiraattonni hidhannoo qaban qeyee isaanii gatanii godaanuun isaanii himameera.
Lakkoofsa namoota du’anii ibsuu irraa kan of qusatan hooggantootni mootummaa lubbuun namoota hedduu darbuu fi qabeenyi hedduun barbadaa’uu isaa mirkanneesaniiru.
Ka’umsi walitti bu’insa hawaasa lameen tibbana uumamee beekamuu baatus kanaan dura lafti kan keenya ta’uu qabaa fi sirna bulchiisaa irratti rakkoon walfakkaatu akka ture beekamaadha.
Mootummaan Biritaaniyaa lammiileen isaa naannoo Gaambeellaatti akka hin imalle hubachisuu isaatiin alatti daangaa Itoophiyaan Somaaliyaa fi Keeniyaa waliin qabdu fageenya kiloometra 100 irratti qoqqobbii imalaa wal fakkatu kaa’eera.
Godinaaleen Adeerii fi Liiban tasgabbii nageenyaa waan hin qabneef Biritaaniyaan Lammileen Isaa gara sanatti akka hin deemne akeekkachiifteetti.
Akkasumas daangaa biyyattiin Sudaan Kibbaa waliin wal daangessitu fageenya kiloomeetira 10 gidduutti argamanis sodaa nageenyaa akka qaban beeksiseera.
Biritaaniyaan Lammiileen isaanii bakkeewwan kanneenitti akka hin imalle dhorkitus rakkoon nageenyaa akkamii akka jiru ibsuu irraa of qusatteetti
Oromiyaa godinaalee shawaa lixaa fi kibba lixaatti baayyee barbaachisaa yoo ta’e malee sochilee kamiifuu of eegannoo akka taassisan Biritaaniyaan hubachifteetti.
Bakkeewwan kanneenitti mormii master pilaanii magaalaa Finfinnee waliin wal qabatee mormiin gaggeeffamaa turuun isaa ni yaadatama.
Haa ta’uutii mootummaan Biritaaniyaa bakkeewwan kunneen
Haala nageenyaa sodaachisaa waan qabaniif lammiileen isaanii waan baayyee barbaachisaa ta’eef malee gara sana akka hin imalle hubachisera.
Biritaaniyaan dipiloomatikootaa fi hojjetoota Itoophiyaa keessaa qabdu malee waggaatti lammiilee isaanii kuma 20 tti dhihaatan waggaatti Itoophiyaa akka daawwatan hubachuun danda’ameera.
Of eeggannoo imala Biritaaniyaan kennite irratti mootummaan Itoophiyaa deebii kenne hin qabu.