Mirgi Wabii Obboo Baqqalaa Garbaa Mana Murtii Waliigalaan Eyyamamee ture dhoorkame.

Itti-Aanaa Dura Taa’aan Kongirasii Federaaliistii Oromoo obboo Baqqalaa Garbaa yakka idilee himatamaniin mirga wabii birrii kuma 30n mana hidhaati akka bahan Manni Murtii Waliigalaa ajaje ture.
Maatiin isaanii birrii kuma 30 mirga wabii manni murtichaa ajaje hatattamaan kaffalaniis manni hidhaa qilinxoo sababa dogongora lakkofsa galmee qaba jechun obboo Baqqaalaa gadhiisuu dideera.
Manni hidhichaa obboo Baqqalaa Garbaa jalqaba lakkofsa Galmee Shororkeessummaa kan himataman yoo ta’u, wabiin birrii kuma 30 immoo lakkofsa galmee yakka idileetin waan ta’eef dogongora qaba jechun dideera.
Mana Murtii Waliigalaa obbo Baqqalaa Garbaan wabii Birrii kuma 30tin akka gadhiifaman ajajuus, hoggantoonni mana hidhaa Qilinxoon garuu murtii kana kabaju didaniiru.
Manni murtii Olaanoo Federaalaa himaannaa yakka Shororkeessummaa obboo Baqqalaan itti himataman jijjiirame yakka idileen akka himataman murteessuun osoo beekamu manni hidhaa Qilinxoo didun ergama addaa qabu mul’iseera.
Maatiinii fi Abukatoonni isaanii rakkoon dogongoora lakkofsa galmee jedhame furmaata akka argatu yaalaa turaniis, obboo Baqqalaan mana hidhaati akka gadi hin dhiifamne murtiin biraa kennameera.
Mana Murtii Waliigalaati, dhaddachi qulqulleessituu ol iyyannoo ijibbaataa mirga wabii manni murtii waliigalaa obboo Baqqalaaf eyyame akka dhoorke himameera.
Murtiin mirga wabii obboo Baqqalaa ittisuu kun ol’iyyaannoo Abbaa Alangaa Federaalaa irratti hunda’udhaan akka ta’ee miidiyaan waayyaannee gabaaseera.
Manni murtii Waliigalaa mirga wabii birrii kuma 30n mana hidhaati akka bahan erga murteessee booda, dhadachaa ol- iyyaannoo ijaabataan immoo dhorkuun akkaata seera adabii yakkatiin seeraan alaa ta’uusa ogeessoonni seeraa himaniiru
Akkaata adabbii seeraa yakkamtoota keeyata 75tiin, mirga wabii ol-iyyaannoo kenname irratti irra deebin ol-iyyaannoon akka hin gaafatamne ogoossoonni Seeraa himaniiru
Mirgi Wabii Obboo Baqqalaa garbaa duraas murtii siyaasan kan eyyamamee fi ammas mirgi wabii isaanii murtii siyaasaan kan dhoorkame ta’u ogeessoonni dubbataniiru
Obboo Baqqalaa Garbaa mana hidhaati wayita gadhiifaman rakkoo siyaasa biyyaatti ni tasgabeessa qamni jedhu mana murtiitti fayyadamun mirgi wabii akka kabajameef qamooleen dubbatan jiru.
Akkasumas qamooleen siyaasaa obboo Baqqalaan mirga wabiin mana hidhaati akka gadhiifaman hin barbaane immoo bifuma walfakkatuun mana murtiitti fayyadamu mirga wabii akka dhoorkaan himameera
Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Ministiira muummee Obboo Hayilamariyaam Dassaleeny dabalatee Qondaltoonni Mootummaa olaanoon obboo Baqqalaan ragaa Itiisaatti dhiyeeffatan Onkololeessa 27, 28 fi 29 bara 2010 dhaggeeffacguuf beellameera.
Mana Murtii waliigalaatti,dhaddachi qulqulleessituu ol iyyannoo ijibbaataa dhimma mirga wabii obboo Baqqalaa Garbaa ilaaluf sadaasa 14 bara 2010tti beelameera.