Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa durii Herman koohin Dooktor Abiyi Ahimad jijjiirama sirnaa akka taasisan gaafatan.

Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa fi gargaaraan dame Afrikaa durii Herman Koohin dhaamsa qunnamtii sabaa-himootaa irratti dhiheessaniin Dooktor Abiyyi Ahimad jijjiirama bu’uraa akka taasisan waamicha dhiheessaniiru.
“Dhaamsa Muummee ministeera Itoophiyaa haarawa Abiyyi Ahimadif” jedhu dhiheessuun Muummeen Ministeeraa haarawani Dooktor Abiyyi Ahimad kutannoodhaan jijjiirama dimokraasii fiduu irraa akka off booda hin deebine dhaamaniiru.
Gareen Wayyaanee TPLF kanneen qabeenya saamuun siyaasaa waliigala dhunfatanii jiran kun guutuu adunyaa biratti waan saaxilamanii jiraniifi hawaasni adunyaa guutuun isin cinaa ijaa jiruuf, xiqqo takkallee akka jijjiirama bu’uraa fiduu irraa off duuba hin deebine dhaamaniiru.
Ministeerri Dhimma alaa Ameerikaa durii Herman koohin yeroo bulchinsi mootummaa Dargii kufuuf guyyaan tokko hafee ture magaalaa biyya Ingilizii Londonitti marii mootummaa Dargii, EPLF , EPRDF fi OLF giddutti gegeefamte hogganaa turun kan yaadatamuudha.
Muummeen Ministeeraa Itoophiyaa kan Jila mootummaa Dargii hoogganaa ture mareen hirmaannaa isaaniin ala akka xumuramee ture ibsanii turaniiru.
Oduu biraatiin immoo, Dura-taa’aan Gamtaa Afriikaa yeroo fi Pireezdaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamee maqaa ofii isaanii fi biyyoota Afriikaan Dr. Abiy Ahmediif ibsa gammachuu erganiiru.
Pireezdaanti Pool Kaagaameen ergaa tiwiitara irratti barreessaniin Dura taa’aa A.D.W.U.I ta’uun kan filataman Dr. Abiyi Ahmadiif gammachuusaanii beeksisaniiru.
Pireezdaanti Pool Kaagaamee ergaa dabarsaniin akka Dura taa’aa Gamtaa Afriikaatti fi Maqaa dureewwan Biyyoota Afriikaa maraan Uummataa fi Mootummaa Itoophiyaaf akka tumsan ibsaa, Itoophiyaan rakkoolee amma keessa jirtu keessaa akka bahuuf tattaafattu dhaamaniiru.
Itoophiyaanis gahee murteessaa seena qabeessa biyya Afrikaa keessatti qabdu cimsitee akka itti fuftuus amantaa guutuu akka qaban ibsaniiru.