Minisirri muummee Itoophiyaa Obbaa H/Maariyaam Dassaleeny mootummaan isaanii mootummaa Gibtsii wajjiin ta’uun dhaabbilee farreen misoomaa biyyaa gibtsii itoophiyaa Unkuraa jiraan addaan baasaa akka jiru himaniiruu.
Gaaffiilee miseensoonni mana maree bakka bu’oota ummataa gaafataniif deebii kan kennan obbo H/Maariyaam, Itoophiyyaan mootummaa Gibtsiitiif gaaffii sirrii ta’ee dhiyeestee jirti. Mootummaan Gibtsiis humnoonni kun too’aannoo isaanii jala akka hin taane akka itti himan beeksisaaniiru
Itoophiyaan walitti dhufeenya dippilomaasii Gibtsii wajjiin qabdu akka itt fuftuu obboo H/Maariyaam miseensoota mana maree bakka bu’oota ummataatti himniruu. mootummaa Gibtsiis dhaabbilee farreen misoomaa Itophiyaa Unkuraan akka to’aatuu gaafataniiru.
Rakkoo lammiilee Itoophiyaattin Imbasiiwwan Itoophiyaa biyyoota alaa jiran irratti yeroo adda addaatti raawwatamaa jiru mootummonni biyyoota sanii kan hin dhaabsiisinee yoo ta’ee,mootummaan isaanii imbaasiiwwan isaanii magaalaa Finfinneetti argamuuf eggumsaa akka hin taasisneef obboo H/Maariyaam himaniiru.
Bifumma walfakkatuun, motummaan Eritiiraa fi Gibitsii Itoophiyaa keessatti jeequmsi akka uumaamuuf yaalii guddaa gochaa akka jiran minisirri Dhimmoota Federaalaa fi Misoomaa Horsiisee Bulaa obboo Kaasaa Takilabiraahaan dubbataniiru.
Eritiiraa fi Gibitsiin Itoophiyaa Unkuruuf harkaa keessaa akka qaban ragaa gahaa akka qaban obboo kaasaan gaazeexaa Suudaan Tiribiiyuun jedhamutti himaniiru
Mootummaa Gibtsii dhaabbata Addaa Bilisaa baasaa Oromootiif deeggarsa gochaaf jira jedhan. labsiin yeroo hatattaamaa labsamuu wajjiin walqabatee hundeeffamni kaabiinee haaraa hojiilee misoomaa jalqabaman itti fufsiisuuf tarkaniifii fudhatamee malee dhiibaa moormii ummaataa irraa kan dhufee akka hin taanees obboo kaasaan gaazeexaa kanaatti himaniiru
Mootummaan Gibtsii mormii ummataa Itoophiyaa keessaa harkaa akka hin qabnee yeroo adda addaatti waakkachaa akka turee kan yaadatamudha. Pirezedaantiin Gibtsii Abdulfattaa Al-siisii biyyii isaanii dhimmaa Itoophiyaa keessa galtee akka hin beeknee fi galuufiis fedhii akka hin qabnee beeksisaanii turee.
Waa’ee hidha guddicha laga Abbayyaa irratti walgaltee irra gahuu kan hin dandeenye biyyoonni lamaan, mormii ummataa cimaa itoophiyaa keessa jiru wajjiin walqabatee walqeequu keessa yoo galan kun yeroo lammaffaaf ta’uun beekameera.