Manni Murtii Walii galaa naannoo Amaaraa Dhaddachi ramaddii Gondor Galmee himannaa Koloneel Dammaqaa Zawuduurratti murtii kennuuf yeroo dhumaatiif beellameera.

Manni murtii waliigalaa naannoo Amaaraa dhaddacha ramaddii Gondor, dhaddacha gaafa jimaataa taa’een ragaalee abbaan alangaa galmee himannaa koloneel Dammaqaa Zawuduu irratti dhiyeesse sakatta’ee murtii ofirraa ittisaa yookaan hin ittisinaa jedhu ni murteessa jedhamee eegamee ture .
Bali’ina himannichaa wajjin wal qabatee abbootiin seeraa tokkoon tokkoon isaanii dhimmicha ilaaluu qabu sababa jedhuun guraandhala 22 bara 2010 tti beellameera.
Abbaa Alangaa walii galaa bakka bu’uun obbo Anteeneeh Ayyaalew galmee baay’ee waan qabaniif beellamni kun hanga walakkaa ji’a bitootessaatti akka dheereffamuuf gaafataniiru.
Manni murtichaa garuu guyyaa beellamaa dheeressuun yeroo gubuu waan ta’eef beellama biraa hin kennu jechuun torbee lamaan boodatti akka beellame himameera .
Abukaatoon Koloneel Dammaqaa Zawuduu obbo Alaaleny Mihiratuu gamasaaniitiin, manni murtichaa beellama itti aanuun murtii kan kennu galmeerratti moo mormii galmeerratti dhiyeessinerratti gaaffii jedhu gaafataniiru.
Manni murtichaas beellama itti aanu kanaan galmeerratti murtii kennuuf akka ta’e beeksiseera .
Koloneel Dammaqaa Zawuduu akkaataa ajaja mana murtiin qabamaa akka hin jirre dhaddachatti himaniiru.
Galmeen ajaja mana murtiin qabame jedhame, manni murtii olaanoo Federaalaa dhaddachi ramaddii Lidataa akka ergu gaafatamus hanga ammaa akka hin ergine himameera.
Akkasumas ragaan waajjirri tika mootummaa Koloneel Dammaqaan bilbilaan wayita haasa’u waarabame jedhe, sagalee fi barreeffamaan akka dhiyeessu ajajamee diduunsaa himameera.
Lakkoofsi galmee ittiin himatamanis kan nama biraa waan ta’eef, galmeen kun waan cufameef ragaan isaanirratti dhiyaate sanadii sobaati jechuun mormaniiru.
Oduu biraan Koloneel Dammaqaa Zawuduu dabalatee miseensonni koree dhimma eenyummaa walqaayit Amaaraa fi Bigaader Jeneraal Tafarraa Maammoo akka gadhiifaman murta’uunsaa gabaafamaa jira.