Manni Murtii Olaanoo Federaalaa lammiilee Itoophiyaa yakka shororkeessummaan himatam irratti adabbii murteessea

Manni Murtii olaanoo Federaalaa lammiilee Itoophiyaa yakka shororkeessummaan himataman 16 keessa torbaa irratti adabbii hidhaa murteesse
Himatamtoonni Siyaasa kunniin bara 2004 dura miseensoota paartii dhaabbataa tokkummaa guutuu Itoophiyanoota akka turan himaannaa abbaa alangaarra hubatameera
Bara 2004 hanga 2006tti immoo miseensoota Arbanyooch Sabaatti turan jechun abbaan Alangaa Federaalaa himateera
Himatamtoonni Siyaasa naannoo Amaaraa Bahaar-Daar fi Gondoor keessa socho’uun ragaa biyyaatti Arbanyooch Ginboot Sabbatiif kennuu fi miseesoota filachun gara Eritiraatti erga turan jechun abbaan alangaa himateera
Mana murtii olaanoo federaalaatti dhaddachi yakka 4ffaan himaannaa isaanii ilaala erga ture booda muraasa bilisaan kan hafan immoo adabbii hidhaa itti murteesseera
Haaluma kanan himatamtoota 1ffaa Ajaan abbaa dhibbaa Geetachoo Mokonnoon 4ffaa Awwaqaa Moonyee,5ffaa Zarhuun Baree,6ffaa Warqiyee Misganaaw, 7ffaa Amaaraa Masfiin,8ffaa Tasfaayee Taariikuu, 10ffaa Tafarraa Faantahuun,13ffaa Ingidaaw Waanyaaw fi 15ffaa Agibaaw Saxxany bilisaan akka gadhiifaman manni murtichaa murteesseera
Himatamaan 3ffaa Alabachaaw Maammoo,11ffaan Farrajee Muluu fi 16ffaa Abbaay Zawwuduu immo hidhaa waggaa afur fi ji’a lamaan akka adbaman manni murtichaa murteessuun gabaafameera
Himatamtoonni 2ffaa Balayinaah Sisaay, 9ffaa Bihonaany Allaanaa, 12ffaa Atirisaaw Aschalaaw fi 14ffaa Anagaaw Tagany hidhaa waggaa 4 fi ji’a jahaan akka adaban manni murtichaa itti murteesseera.
Mootummaan Itoophiyaa waltajjii siyaasa bal’isuu fi arara biyyaaleessa buusuuf hidhamtoonni siyaasa hundu akka gadhiifaman beeksisun kan yaadatamudha
Yaa ta’u malee, manneen murtii biyyaatti hidhamtoota siyaasa yakkaa sobaan shororkeessummaan himataman irratti murteessuu itti fufaniiru.
Abbaan Alangaa Federaalaa fi tikoonni waayyaannees ragaalee sobaa qindeessuun lammiilee ilaalacha siyaasa addaa qabanii fi yaada isaanii bilisaan ibsatan yakka shororkeessummaan himachuu hojiiisaanii idilee ta’eera.