Manni Murtii Itoophiyaa Hoggantoota Olaanoo Kongiraas Federalaawa Oromoo Yakka ittiin himataman akka ofirra ittisaan Murteesse.

Manni Murtiichaa dhimma hidhamtoota Siyaasa Oromoo ilaala erga ture booda dhadacha gaafa kamisaa ta’een Itti-Aanaa Hogganaa Paartiichaa Obboo Baqqalaa Garbaa himaannaa yakka Idileen akka himataman erga mirkaneessee booda,
Hoggantoonni Paartiichaa biroo obboo Gurmeessaa Ayyaanoo , obboo Dajanee Xaafaa fi Obboo Addisuu Bullaallaa dabalatee hidhamtoonni siyaasa 16 himaannaa farra Shororkeessummaa itti himataman akka ofirra ittisaan manni murtichaa murteesseera.

Hoggantoonni olaanoon Paartiichaa sababa mana murtii fi abbaan alangaa dhiyeessaniin murtii osoo hin arganne waggaa tokkoo oliif mana hidhaa keessatti dararamaa duran keessaa qabsawota
Shan yakkaa itti himatamaniirra bilisa jechuun murteesseera.
Himatamtoonni Siyaasa Geetuu Girmaa, Geetaachoo Darajjee , Bayyaannaa Rudaa, Darajjee Margaa fi Halkaanoo Qoncooraa yakka abbaan alangaa ittin himateera manni murtichaa bilisa baaseera.
Itti-aanaa hogganaan Paartiichaa Obboo Baqqalaa Garbaa yakki idilee ittin akka himataman manni murtii murteesse mirga wabii kan eyyamsiisu jedhameera.
Yaa ta’u malee, Hoggantoonni olaanoo paartiichaa yakkaa raawwatanii osoo hin taane hidhamtoota siyaasa waan ta’aniif qondaltoonni mootummaa mirga wabii dhoowwachuusu ni danda’u shakki jedhu jira.
Itti-Aanaa Hogganaan Paartiichaa Obboo Baqqalaa Garbaa kana duraas ragaa sobaan mootummaan abbaan alangaa fi tikkoonni mootummaa qindeessaniin balleessa tokko malee murtii hidhaa itti murta’e xumuranii akka bahaan waan beekamuudha.
Abbaan Alangaa sirna bittaa Itoophiyaa Itti-Aanaa Hoggaana Paartii Kongiraasi Fideralaawa Oromoo Obboo Baqqalaa Garbaa dabalatee kan biro hidhamtoonii 22 yakka farra Shororkeessummaan himachuun isaa ni yaadatamudha.