Manni Marii Nageenya Biyyaaleessaa Dhimmoota Yeroo fi Tarkaniiffii Fudhatamu qabu irratti mari’achuun himameera

Manni marii Nageenyaa Biyyaaleessa fi naannoolee haala yeroo biyyaatti fi tarkaniiffi fudhatamuu qabu irratti wajjiira ministiira Muummeetti mari’achuun himameera.
Marii kanaas Ministiira Muummee Obboo Hayilamariyaam Dassalaany fi Hogganaan mana marii nageenya biyyaaleessa fi ministirri Ittisaa Siraaj Fageessaa akka hogganaan gabaafameera.
waltajjiin mariin kun karoora nageenya biyyaaleessa kopha’eerratti mari’achun hubannoo walfakkatuu aragachuf akka qopheeffame himameera.
Akkasumas nageenya biyyaatti karaa qondomiina qabuu fi naannooleen hundi irratti waliiglaniin hojiirra oolchuuf akka ta’e himameera
Waltajjii maricharratti pirezedantoonni naannoolee, hoggantoonni raayyaa ittisaa biyyaa, Komishinaroonni Pooliisii, Tikoonni mootummaa fi hoggantoonni Milishoota hirmaachusaanii miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.
Ministeerri Raayya Ittisaa Biyyaa fi hogganaan mana marii nageenya biyyaaleessaa obbo Siraaj Fageessa akkuma baratame nageenyi amansiisaan jira jechun gabaasa dhugaa qabatama jiruurra adda ta’e dhiyeessaniiru
Labsiin Yeroo hatattamaa erga ka’e booda naannoolee biyyaatti baay’ee keessatti nageenyi akka bu’ee fi bakka tokko tokkotti rakkoon nageenya akka jiru himameera
Liyyuu Pooliisiin naannoo Sumaalee labsii yeroo hatattamaa osoo labasamee jiru gandoota daangaa Oromiyaa weerara turun kan yaadatamudha.
Labsichi erga ka’ee booda immoo lammiileen Oromoo kuma heddu badii tokko malee Oromoo wan ta’aniif qofa qe’ee fi qabeenya isaanii irra buqqa’aan osoo jiran obboo Siraaj nageenyi jira jechun gabaasa sobaa dhiyeessaniiru.
Lammiileen sababa walitti bu’iinsa Oromiyaa fi naannoo Sumaaleen qe’ee isaaniirra buqqa’an gara qe’ee isaaniitti deebi’aan akka damdamatan akka waliigalamees obbo Siraaj himaniiru.
Lammiilee Oromoo qe’ee isaaniirra kan buqqisee Jeneraloota raayyaa ittisa biyyaaobbo Siraaj maqaaf hogganaan fi Liyyuu Pooliisii tikoota waayyaannee hogganaman ilaalachise gabaasa isaaniin waan jedhan hin jiru.
Raayyaan Ittisa biyyaa Lammiileen kuma heddu wayita qe’eerra buqqa’aan callisee ilaala ture amala gaariin ergama isaa baheera jedhan
Raayyaa ittisaa biyyaa Lammiileen Oromoo qe’ee fi qabeenya isaniirra badii tokko malee humnan wayita buqqa’aan callisee ilaalu fi dargaggoo oromoo ajjeessee amala gaariin ergamasa baheera jechun obboo siraaj jajaniiru.
Qamooleen nageenyaa fi hoggantoota walitti bu’iinsa keessa harka qaban waan adda bahaniif seeraatti dhiyaatu jedhaniiru.
Rakkoo walitti bu’iinsa daangaa kana akka sababaatti fayyadamuun badii guddaa qaqqabsisaa kan turan Jeneraloota waayyaannee fi Liyyuu Pooliisii Sumaalee ta’u lammiileen oromoo buqqa’aan himun kan yaadatamudha
Jeneraloonni fi Tikoonni waayyaannee ammas irra deebin labsiin yeroo hatattamaa guutuu biyyaatti akka labsamuuf shira adda addaa xaxa akka turan himameera.
Ammas sababa rakkoo tasgabbii dhabamu jedhun labsiin yeroo hatattamaa labsamee naannoo Oromiyaa Raayyaa Itiisa Biyyaan bulchuuf tikoonni waayyaannee winxirfachaa akka jiran qamoonni dhimmicha dhiyeeenyaatti beekan himaniiru.