Manni marii Ministeerootaa Labsii Yeroo Hatattama Labse

Ministeerri Muummee obbo Hayilamaariyaam Dassaaleny fedhiin aangoo gadhiisuuf xalayaa galfachuu isaanii wajjin walqabatee haalli siyaasa biyyattii kallattii biraa qabachaa akka jiru mallattoon adda addaa mul’isaa jiru.
Manni marii ministeerotaa labsii yeroo hatattamaa guraan dhala 9 bara 2010 jalqabee yeroo hin beekamneef hojiirra ooluu labseera.
Labsii yeroo hatattamaa kanaan Raayyaan Ittisa biyyaa karaa Komaand Poostii jedhamuun itti gaafatamummaa fudhachuun akka bobba’u himameera.
Komaand Poostiin hojii raayyaan ittisa biyyaa hojjetu hunda ministeera muummeef akka gabaasu himameera .
Labsiin yeroo hatattamaa labsamuun gaaffii ministeerri muummee obbo Haayilamaariyaam Dassaalany aangoo fedhii isaaniin gadhiisuuf dhiyeeffatanii wajjin kan walqabatu ta’uu ”Addis Standard” gabaaseera.
Qondaaltonni Dhaabbata Dimokiraasummaa uummata Oromoo fi Warraaqsa Biyyaalessaa saba Amaaraa bakka bu’uun mana marii Ministeerotaa keessatti hirmaatan murtii labsii yeroo hatattamaa mormaa akka turan gabaafameera .
Mootummaan murtii labsii yeroo hatattamaa guyyoota 15nan dhufan keessatti miseensota mana marii bakka bu’ota uummataaf dhiyeesse ni raggaassisa jedhameera.
Miseensonni mana marii bakka bu’oota Uummataa boqonnaarra waan jiraniif labsiin yeroo hatattamaa osoo hin ragga’in akka turuuf sababa ta’uun himameera.
Bulchiinsi mootummaa wayyaanee gaaffii uummataaf gurra kennee deebii siyaasaa laachuurra, ammas raayyaa ittisa biyyaa abdachuun labsii yeroo hatattamaa labseera.
Addi Dimokiraasummaa Warraaqsa uummattoota Itoophiyaa wayyaaneen hogganamu sagalee Uummataa loltoota Agaazii daangaa tokko malee bobbasuun ukkamsuuf labsicha akka labse himameera.
Labsiin yeroo hatattamaa manni marii ministeerotaa labse kun guraandhala 9 bara 2010 jalqabee hojiirra akka oolu himameera.
Uummanni Oromoo miseensota Raayyaa Ittisa biyyaa gandootaa fi magaalota Oromiyaa keessaa akka bahan gaafachaa yeroo jirutti raayyaa itti bobbaasuuf murteessuun jeequmsa furmaata hin qabne uumuuf jedhameera.