Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Itoophiyaa walga’ii Wiixata dhufu irratti Ministeera muummee akka muudan barame.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Itoophiyaa muudama Ministira Muummicha sanbata jedhee miidiyaa Faanaan gabaasamee ture, gara Wiixataatti dabarsuu Wajjirri mana marichaa ibsaniiru.
Wlaga’ii mana marii Wiixata geggeeffamu iratti Dooktor. Abiyyi Ahimad, Obbo Haayilamaariyaam Dassaalany irraa aangoo fuudhuun waadaa ni seenu jedhameera.
Dooktor Abiyyi Ahimad erga angoo fuudheen booda ibsa akka kennan eegamaa jira.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Itoophiyaa dhaabbilee miseensota A.D.W.U.I. afurii fi dhaabbiilee gargaartota irraa miseensota 547qabu keessaa miseensonni 8 sababaa gara garaatiin akka hirratani jiran himameera.
Dooktor Abiyyi Ahimad erga miseensota mana mariin muudaman booda qondaalota kaabinee isaa ijaaruuf mirga guutuu qabaataniis yo fedhan immoo qondaalotuma hojii irra jiranii wajjiin hojjachuun isaanii ni dandahama jedhameera.
Muummeen Ministeera durii Haylamaariyaam Dassaalany gaafa bulchinsa isaanii woggaa tokko keessatti yeroo lama qondaalota kaabinee isaanii geeddaruun isaanii kan yaadatamuudha.

Qondaalonni kaabinee amma hojii irra jiranii namoota siyaasaa hin tahin fii irra caalaan isaanii namoota Yunivarsitiilee irraa sassaabamaniidha.

Manni Maree Addichaa walga’iisaa Bitootessa 11 bara 2010 jalqabeen, gaaffii gadi lakkisuu dura taa’ummaa Addichaaf muummicha miniseerummaa Obbo Haayilemaariyaam Dessaalenyi dhiyeessanii turan fudhachuun, dura taa’aa Addichaa Dooktor Abiyyi Ahimad godhee yoo filatu, ittaanaa dura taa’aa addichaa ammoo Obbo Dammaqaa Mokonnin akka itti fufan murteesseera.