Mana hidhaa Qilinxoo guban kanneen jedhamanii himannaan irratti dhiyaate namoota 38 keessaa namoonni 26 himannaan irraa kaafamuun himame.

Abbaan Alangaa Federaalaa ibsa kennaniin Dr. Fiqruu Maaruu dabalatee namoonni 62 himannaan irraa kaafamuu hubachiisaniiru.
Himatamtoonni galmee Maasrashaa Saxee gubbatti mana hidhaa Qilinxoo guban kanneen jedhamanii himannaan irratti dhiyaate 38 keessaa 4 himatii isaanii ajjechaa waliin kan wal qabatuu ta’uun akka mana murtiitti mormatan itti murtaaweera.
Himatamoota hafan keessaa 11 walaban akka gadhiifaman 23 immoo himannaan irratti dhiyaate foyyaffamee of-irraa akka ittisan itti murtweera.
Ajajaan dhibbaa Maasrashaa Saxee wajjiin namoonni arfan gara mana hidhaa Zuwaay geeffaamuun barameera.
Himatamtoonni galmee Obboo Tweedroos Daani’eel gubbatti himannaan irratti banamee mana murtiiti deemaa turan 18 himannaan isaanii irraa kaafamuun walii galaan himatamtoonni 62 Dr. Fiqruu Maaruu dabalatee akka walabaan gadi dhiifaman eegamaa jira.
Mormii biyyattii keessatti geggeefamaa jiruun wal-qabtee namoonni siyaasaa beekkamoon kanneen hidhaman guyyaa irraa guyyaan manneen hidhaa keessaa gadi dhiifamaniis hanga amma dhimmi hikamuu Obboo Andaargaachoo Tsiggee dubbatamaa hin jiru.
Balaliisaan humna xayyaara Itoophiyaa ajajaan dhibbaa Baahayluu Gabree hidhaan umrii itti murtaawee mana hidhaa keessa jira.
Akkasumaas hidhamtoonni siyaasaa baayyeen maqaan isaanii hin dubbatamne manneen hidhaa keessa jiraachuun himameera.