Malaanmaltummaan Shakkamanii to’aannoo jala olfamanii kan turan Birgadeer jeneraal Ifireem Baangee mana hidhaati gadhidhifaman

Birrii Miiliyoona 200 ol mancaasuun qabeenyaa mootummaa fi ummataa miidhaan jedhamanii duula farra malnmaltummaan shakkamanii to’aannoo jala kan oolfaman Birgadeer Jeneraal Ifireem Baangee mana hidhaatii gadidhiifaman
Jeneraliich maallaqa birrii miilliyoona 200 fi miiliyoona 50 ol mancaasuu isaanii wayita to’aannoo jala oolfaman kan himame yoo ta’u, mana hidhaatii kan gadi dhiifamaniif shakkamtoota biroo irratti ragaa bahuuf waadaa waan galaniif jedhameera.
Jeneraal Ifireem Baangee Bajeeta Ijaarsa Pirojektii Shukkaraa Oomoo Kuraaz lakkofsa shaniif ramadame fayeeda dhuunfaaf oolfatan jedhamanii shakkamanii ture dulla farra malaanmaltummaan kan hidhaman
Birgadeer Jeneraal Ifireem Baangee wayita to’aannoo jala olfaman qondaltoonni waayyaannee olaannoo ijaarsa pirojektoota Shukkaraa wajjiin walqabatee maallaqa baay’ee saamaa turan hidhamuu dhabuun komii kaasee ture.
Hogganaan Koorporeshinii Shukkaara Itoophiyaa duranii Abbaay Tsahaayee fi Hogganaan Koorporeshiinii Injinariniigii fi Siibloota Birgadeer Jeneraal Kinfaaw Daanyee sababa ijaarsa warshaalee shukkaaratiin maallaqaa ummataa Birrii Biiliyoona 77 mancaasuun isaanii dubbatamaa jirachuun isaa ni yaadatama.
Lammiileen Itoophiyaa baay’een duula farra malaanmaltummaan jalqabameen qondaltoonni lamaan adda dureen ni hidhamu jedhanii eegaa akka turan himaniiru.