Magaalaa Paarisitti namoota 200 guyyaa dafqaan bultootaarratti jeeqan poolisiin hidhaman

Poolisiin magaalaa Paaris namoota hiriirarratti hirmaatan 200 fi fuula isaanii haguuguun guyyaa dafqaan bultootaa irra foddaa suuqotaa caccabsanii fi konkolaattota guban to’annoo jala oolche.
Gartuu gara bitaachaa fi Bilaak Bilooksi jedhamuun beekaman hojjettoota mootummaa ilaalchisee haaroomsa Pirezidaanti Imaanu’eel Maakrooniin mormuun hiriira nagaa geggeeffamaa ture kan dogoggorsan ta’uun beekameera.
Seera hojjettoota mootummaa isaanii akka haaromsaniif hiriira nagaa godhamaa ture irratti jeequmsa uumaniiru.
Akka gabaasa BBCtti namoonni fuulaa fi mataa isaanii haguuggatan 1,200 ta’an hiriira tokkummaa hojjetootaa Caamsaa 1 geggeeffame irratti qooda fudhataniiru.
Poolisii tokko dabalatee namoota afur miidhaa salphaan akka irra gahes beekameera.
Mormitoota kana bittimsuufis poolisiin aara imimmaanessuufi konkoolaataa bishaan facaasutti akka fayyadaman beekameera.