Lolii Babaldhiifannaa lafa Ummata Wallo Aanaa Baatee irrat Hidhatoota Affariin Baname guyyaa Hardhaas cimee itti fufeera.

Weerarri Poolisoota humna addaa Naannoo Affaar waggaa tokkoo oliif daaangaalee Oromiyaa weeraraa turan guyyaa kaleessaa Aanaa Baatee weeraruun himame .

Godina Walloo Aanaa baatee bakka Burqaa jedhamutti waraanni humna addaa naannoo Affaar meeshaalee gurguddoo hidhachuun Aanicha weeraruu jiraattoonni himan.
Lolii kun guyyaa hardhas hidhatoota Affariin kalattii 4 kan gegeefamma jiru tahu jrattonni dirree lolaa irraa qooda fudhachaa jiran ibsuun, lola hardha geggeeyfamaa jiru irratti jiraattota Walloo irraa namni tokko yoggaa rasaasaan rukutamu guyyaa kaleessaa immoo hidhattoota naannoo Affar irraa poolisoonni lama madaa’uu ibsaniiru.
Waraana ulfaataa humnoonni addaa naannoo Affaar jiraattoota Kaaba Oromiyaa Walloo irratti guyyaa kaleessaa gaggeeysaa turan irraa jalqabee hanga ammaatti haalli nageenyaa naannoo hedduu ulfaataa ta’uu jiraattonni ibsuun, yeroo ammaa nageenyan mana gadi bayanii oli deebi’uun rakkisaa ta’uu himaniiru.
Lolii kun yeroo amma kana bakkee Hablaayo jedhamuu naanoo burqaa karaa qaxaamura gamma Jabuuti deemuufii, bakka Habaacho gara Warra Wayyuu duubanis lolii deema kan jiruu tahuunis beekameera.
.
.
Lolii kun Qotee Bultoota Fi Horsiise bultoota Walloof hidhatoota Liyyuu Poolis Affar giddutti kan gegeefama jiru yommuu tahu yeroo ummani ifirraa ciminaan ittise qaamonni Waraana Raayya ittissa biyyaa gidduu akka seenanii dhiibba gegeessan jiraattonni Walloo warri lola keessa jiran himaniiru .
Waraanni humna addaa naannoo Affaar shira jeneraalota wayyaaneet fi Bulchiinsa mootummaa naannoo Affaariin ummata Oromoo irratti banamee jiru kun hanga ammaatti bifa jaarameen itti fufaa jiraachuun waraana kana duubaan shirri guddaan jiraachuu ni agarsiisee ja’an jiraattoonni .