Lammiin Oromoo qe’ee jireenyaa isanii keessaa buqqaasifamani godinaa Haragee bahaa Hammareysaa fii Dadar akkasumaas godinaa Baalee jiran komii dhiheessaa jiran..

Lammiileen Oromoo shira Wayyaaneefi bulchinsa naannoo Soomaaleetin qa’eefi qabeenya isaaniirraa buqqifamuun yeroof kaampiilee bulchinsa godina Harargee bahaa dadarii fii Hammareeysa akkasumaas Godinaa Baalee Gindhiir itti arkaman rakkoo keessa jiraachuu himamaa jira.
Keessattuu qubattoonni ji’a 9 dura yeroof magaalaa Dadar qubsiifaman rakkoo nyaataafi dhugaatii akkasuma tajaajila gahaa dhabuu komachurratti arkaman.
Qubattoonni Dadar qubsiifaman lammiilee Oromoo warra deegarsa isaaniif godhaa turan galatoofachuun, garuu amma dhiheenya keessa humaatuu gargaarsi tokkleen akka isaan dhaqqabaa hin jirre dubbatan.
Qubattoonni kaampii hammarreessaa keessa qubatanii jiraniis mootummaan yeroo jedhetti nu hin qubachiifne jechuun komii qaban ibsatuuf kaampii gadi dhiisanii karaatti bahanii iyyata dhiheeffachuu isaanii gabaasunn keenya kan yaadatamudha.
Buqqaatonni kaampii keessa jiraatan,jireenyi kaampii itti ulfaatuufi mootummaan yeroo gara gara isin qubachiifna jedhee beellama qabatuu malee hojiitti hiikuu dadhabuu jiraattonni himanii jiru.
Haaluma wal-fakkaatuun, lammiileen Oromoo shira Wayyaaneefi bulchinsa naannoo Soomaaleetin qa’eefi qabeenya isaaniirraa buqqifamuun godinaa Baalee Gindhiir qubatan deeggarsa dhabuun rakkoof saaxilamaa jiraachuu iyyachaati jiran.
Itti fufuunis, haala keessa jiranii waliin yeroo gatiin nyaataafi meeshaalee garagaraa ida’e kanatti ji’a Ramadaanaa simatuun kan itti ulfaataa jiru tahuu ibsuun, ji’a jalqaban kanaas dirqamanii bishaan qofa soorataa jiraachuu himan.
Uummatni Oromoo biyya keessaa fii alaa akkasumaas mootummaan naannoo Oromiyaa karoora lammiin lammiif jedhuun buqqaatota Oromoo deeggaraa akka jiran himamaa jira.
Uummata bulchiinsa naannoo somaalee keessaa jireenya isaanii irraa godaansifamanii fi oromiyaa bakka adda addaa keessatti walitti bu’iinsa daangaa uumameen kanneen qe’e ofii irraa godaanan gargaaruuf qophiinn gara garaa guutuu oromiyaa kessatti geggeefamaa tureera.
Gama biroon immii, baatii Ramadaanaa sababeeffachuun Muslimoonni qabeenya arjooman lammiilee shira diinaatiin miidhaan irra gahe cinaa dhaabbachuuf waadaa galaa jiraachuuu beysisan.