Lammmiileen Itoophiyaa baqatanii biyya Yemanii keessa jiratan rakkoo namoomaa fi waraanaa yeroo amma biyyaatti keessatti jiruuf saaxilamuu isaanii Dhaabbanni Baqattoota Addunyaa (IOM) beeksiiseera
Humni Ittisa biyyaa Sawuud Arabiyyaa haleelaa xiyyaaraa tibbana yeroo muraasaaf waan dhaabeef lammiilee Itoophiyaa kara ittin bahan dhabanii rakkachaa turan baasuuf taattafachaa akka jiru dhaabbatichi beeksiisera.
Lakkofsi baqqattoota kun baay’ee ta’uu fi haali fayyaa isaanii gaarii waan hin taaneef lammilee Itoophiyaa hatattamaan gara biyyaa isaanitti deebsuuf akka rakkise dhaabbatichaatti hogganaan yeroo hatattamaa Mohammad Abdikaar himaniiru
Haali nageenya lammiilee Itoophiyaa biyya Yemanii jiranii baay’ee kan nama rifachiisuu fi gaddisiisuu akka ta’ees hogganaan kun dubbataniiru. Baqattoonni lammiileen Itoophiyaa dhibbatamatti lakkawamn walitti bu’insaa Yeman keessa jiruu fi haleellaa Xiyyaaratiif saxilamuu akka danda’aniis beeksiisaniiru
Dhaabbatich lammilee Itoophiyaa jibutiitti geessuun biyyaatti akka deebi’aniif haala mijeessuuf qaama dhimmi ilaalu wajjiin hojjataa jira. Torbeewwan laman darban qofa baqqattoota 600 ol gara jibuutii geessuu isaa beeksiiera. Lammiilee Itoophiyaa gara biyyaatti deebsuuf hojjatamaa jiras jedhan.
Dhaabbatich lammiilee Itoophiyaa karaa seera qabeessan gara biyyaatti deebisuuf yaala jiratuus qondalttooni Yemanii bakka tajabdoonni tokko hin jireetti gara Jibuutitti erguuf tarkaniffiin fudhataa jiran sodaa akka itti uumee beeksiisera.
Dhiyeenya kana lammiilee bakka itti qubatanii fi nyaata malee dooniidhaan gara jibuutti geeffaaman keessa 24 du’uu isaanii ni yaadatama. Qondalttoonni mootummaa Jibuutii sababa du’aa baqqattoota akka mirkaneessan IOM gaafateera.
Dhaabbatich Torbee darbee qofa baqattoota lammiilee Itoophiyaa 200 ol Yemanii baaseera. Lakkofsa baqattoota Itoophiyaa tajabdoota tokko malee qondalttoota Yamaniin gara Jibuutitti ergamanii beekuu akka hin dandeenye ragaan dhaabbaticha ni mul’isaa
Waggaa tokko darbee qofa lammiilee Itoophiyaa kuma 70 caalaan gara biyyaa Yemanii lola walwajjiiniin Unkuramaa jirtuutti akka baqatan ragaaleen ni mul’isu.