Lammiilee biyya Suudaan Kibbaa kuma 10 heyyama lammummaa Itoophiyaa kennamuufiin rakkoo uume jira.

Muummeen Ministeera Itoophiyaa Durii Obboo Hayla maariyaam Dassaalny woggaa darbe wal-ga’ii mootummaa gamtoomanii Niiw Yoork tti rakkoolee baqattoota Biyya Suudaan kibbaa hiikuuf horiin waan hin jireef baqattoonni aadaa, afaan fii jireenyaan tokko waan ta’aniif akka lammummaan biyya Itoophiyaa kennamuuf beellama galanii turan.
Sochoosiftoonni(Activists) mirga gosa lammii Anyuwaak akka ibsanitti, haalli lammummaa Itoophiyaa lamii Suudaan Kibbaaf kennuu kun ummata Itoophiyaa irraa dhooysaan akka ta’ee fii manni maree Federeeshinaa fii manni maree bulchinsa Gaambeellaa akka waan takkallee keessa hin beekne himaniiru.
Haala kana obboo Azeenuu Jamaal daayreekteerri qubsuma baqattootaa hoogantoota bulchinsaa wajjiin Gaambeella imaluun yoggaa ibsan, bulchinsi Gaambeellaa karoora federaala irra itti kenname hujitti hikuuf sochoo’aa jirachuun himame.
Yeroo amma baqattoonni Suudaan Kibbaa kuma dhibboota lakkaawaman biyya Itoophiyaa keessa waan jiraniif namoota meeqaaf heyyamni lammummaa akka kennamee jiru ifattu baramuu baatuus, namoonni gariin kuma 10 gariin immoo kuma 100 akka ta’uun malu dubbatanii jiran.
Obboo Ujuluu Chaa barreessaan walda’a misoomaa Anyuwaak akka gaafii fii deebi’ii ESAT wajiin taasisanitti, baqattooni baayyeen bulchinsa naannoo Gambellaa irraa xalayaa heyyama lammummaa fudhachuun akka Paaspoortii duruu baafatanii biyyoota alaa gara garaa keessa jiran himan.
Obbo Ujuluu Chaa haalli kun rakkoo biyyattii waan ta’eef ummatni Itoophiyya walii galanii akka ciminaan hubachuu qaban dhaamaniiru.
Hidhattoonni Suudaan Kibbaa yeroo gara garaa daangaa cee’uun Itoophiyaa seenanii dhalattoota gosa Anyuwaak ajjeesuun butanii haala fuudhaan jiran keessatti baqattoota Suudaan Kibbaaf heyyama lammummaa kennuun haalaan yaaddeysaa akka ta’ee jiru Obboo Ujuluu fii Sochoosiftoonni (Activists) gosa Anyuak yaaddoo qaban hubachiisanii jiru.