Lakkofsi Barattoota Yuunivarsiitii Sababa dhabamuu tasgabbiin hir’achuun akka isa yaaddesse Ministeerri Barnoota Beeksise

Lakkofsi Barattootaa yuunivarsiitii ja’a Fulbaanaa jalqabee barnootarratti argamuu qabanii hir’achuun akka isa yaaddesse Ministeerri barnoota beeksiseera
Minsitirri Barnoota Doktor Xilayee Geetee fi hoggantoonni ministeericha biroo gabaasa raawwii hojii kurmaana tokkoffaa mana marii bakka bu’oota ummataatti koree dhaabblilee barnoota olaanoof wayita dhiyeessan lakkofsi Barattoota hir’achuu himaniiru.
Keessattuu Yuunivarsitiwwaan Naannoo Oromiyaa keessa jiranitti barattoota haaraa ramadamanii fi kan dura barnootarra turan ji’a fulbaana keessa galma’aanii barnoota jalqabu qabu ture jedhameera.
Yaa ta’u malee, barattoonni moora yuunivarsitootatti dhiyaachu galma’aanii barnoota jalqabuu waan hin dandeenyeef barattoonni baay’een barnoota irratti akka hin argamne gabaasaniiru
Bara barnoota 2010 keessaa barattoonni kuma 100 fi kuma 41 dhaabbilee barnoota olaanootti ramadaman dabalatee yuunivarsitoota 36 keessatti barattoonni kuma dhibba torbaa ol barnoota hordoofa jiru jedhameera.
Haali nageenyaa fi dhabamuun tasagabbii naannoo Oromiyaa bakka adda addaatti mul’atu bartoonni barnoota isaanii akka hin hordofneef sababa ta’u himameera
Bartoonni galma’aanii barnoota jalqabaniis addan kutanii moora yuunivarsitoota gadhiisanii bahuun yaadeessaa akka ta’e hoggantoonni ministeera barnoota himaniiru
Rakkoo kana furuuf hoggantoota naanniicha dhimmi ilaalu wajjiin koomand poostii furmaata kennu hundeeffamu dubbataniiru
Walitti bu’iinsa yuunivarsiitii Mattuu keessatti tibbaa darbe uumameen adeemsi baruu fi barsiisuu dhaabbatee akka jiru kan yaadatamudha.
Tikoonni waayyaannee Yuunivarsitiiwwaan Oromiyaa keessa jiran hundaatti barattoota Oromoo kan biroo wajjiin walitti buusuuf guyyaa fi halkan shirri xaxan baay’ee waan milka’eef hin fakkatu.
Yuunivarsiitii Ambootti barattoota Oromoo fi kan naannoo Gambeellaa waliitti buusuu akkasumas yuunivarsiitii Bulee Horaatti immoo barattoota Oromoo fi saboota biroo walitti buusuuf shirri xaxan jala faashala’eera.
Barattoonni Oromoo gaaffilee mirgaa qaban karaa nagaa fi demkraatawaa gaafachaa barachuu akkasumas barachaa gaafachuun akka qaban mootummaa naannoo Oromiyaa gaafateera.
Gaaffiiwwan mirgaa dhiyeessun barnoota addaan kutuuu, walitti bu’iinsaa fi jeequmsa uumuun tokkummaa ummata oromoo qabsoon argame diiguun kisaaraa siyaasa fiduu waan danda’uuf barattoonni Oromoo gorsa dhaggeeffachuu akka qaban gaafatamaniiru