Lagni Naayeel baay’ee barbaachisa ta’uus, Ijaarsa hidha Itoophiyaa dhaabbisiisuun akka hin danda’amne Minsteerri qabeenya Bishaanii fi jallisii Ijipti dubbachuun isaani gabasameera.

Mootummaan Ijipti Ijaarsa Hidhaa haaromsa wajjiin walqabatee marii teeknikaa irratti Sudaan fi Itoophiyaa wajjiin mari’achuuf filannoo baay’ee akka qabu Ministirri Qabeenyaa Bishaanii fi Jallisii biyyaatti Mohammad Abdeel Atii himaniiru
Ijipt filannoowwaan hin danda’amne lama gidduutti filannoo baay’ee hanga amma ifatti hin beeksifne akka qabdu ministiriichi dubbataniiru.
Filannoo marii baay’ee jedhan kun maal akka ta’e ministirich ammaas ifatti hin dubbanne.
Ijipt ijaarsa hidhaa dhoorkuu kan hin dandeenyee ta’uus, adeemsa itti fayyadama bishaan laga Naayeel seenaan argate miidhu kamuu keessumeessuu akka hin dandeenye himaniiru.
“Ijaarsi hidhaa Ijiptii kan balleesu ta’uusaa amanuu qabna, yeroo ammaas badii kana uumuuf hojjacha jirra, garuu gocha Ijipt balleessuu kun akka uumamuuf eyyamuu hin qabnu” jechun ministirrichi beeksisaaniiru
Naayeel qabeenya bishaanii qofa osoo hin taane dhimma jireenyaa fi du’aa ummata Ijipti jechun yaada Pirezedantiin biyyaatta Abdeel Faattaha Al-Siisii kan dura dubbatan irra deebin mirkaneessaniiru.
Ijipt biyyaa Gammoojjii keessatti argamtu waan taateef qabeenya bishaan dhibbeenta 97 daangaa isheen ala dhufurratti hundoftee akka jirtu Ministirri Qabeenya bishaanii fi Jallisii biyyaatti himaniiru.
Itoophiyaa hidhaa haaromsaatti bishaan guutuu hanga amma kan hin jalqabne ministirrichi himun ,ammas bishaan itti guutuu akka hin jalqabne akeekkachisaniiru
Biyyoonni sadeen bu’aa ka’uumsa qorannoo garee teeknikaa bilisaan qoratame irratti waliigaluu akka hin dandeenye himameera,
Ijipti waliigalteen ittifayyadama bishaan laga naayeel bara gita bittaa biyyoota Awurrooppaa maallatteeffame xiyyeeffannoo keessa galuu qaba jechun mormaa jirti
Itoophiyaa fi Sudaan immoo waliigalteen bara gita bittaa yeroo amma fudhatama hin qabu jechun yaada Ijipt fudhachuu didaniiru
Itoophiyaan waggoota sadii keessatti hidha haaromsaatti bishaan guutuuf kan karoorfachushee himammeera
Ijipti immoo adeemsi hidha haaromsa bishaan itti guutuu kun waggaa torbaa hanga sagalii keessatti akka xummuramu fedhi qabdi jedhameera
Biyyoota sadeen dhimmaa teeknikaa irratti mariin gocha turan bu’aa malee erga xummuramee asi qondaltoonni Ijipt carraa argatan hundaatti fayyadamuun ibsa Itoophiyaa sodaachisuuf fakkatu kennu itti fufaniiru
Ministirri Muummee Hayilamariyaam Dassalaany ji’aa kana keessa Ijipt kan daawwatan yoo ta’u, dhimmaa Ijaarsa hidha haaromsa ilaalchisuun pirezedantii biyyaatti fi qondaltoota biroo wajjiin ni mari’atu jedhame eegama.
Ministiriichi daawwaannaa isaanii kanan mana marii bakka bu’oota ummataa Ijiptiitti argamuun ibsa akka kennan sagantaa qabameera hubatameera.
Yaa ta’uu malee, miseensoonni mana marii Ijipti baay’een ministeerri Muummee Hayilamariyaam mana marichaatti argamanii ibsa akka hin kennineef maallatoo mormii walitti qaba akka jiran himameera.