Labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun Dararaa fi hidhaan humnoota mootummaa Itiyoophiyaan jiraattota irratti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufe .

Ajjeechaan hidhattootni mootummaa Itiyoophiyaa ilmaan Oromoo irrraan Oromiyaa keessatti gahaa jiran guyyaa irraa guyyaan cimee itti fufeera.
Akkuma beekkamu qabsoo Qeerroo gufachiisuuf LYM dahoo godhachuun sirni Wayyaanee raayyaan ittisa isaatiin qeerroowwan godinaalee Oromiyaa keessaa hidhaa turuu isaanii yeroo irraa gara yerootti gabaasuun keenya kan yaadatamuudha.
Kanumaan wal-qabatee magaalaa Gurawaa qofa irraa dargaggoonni 30 ol garee Komaand Postiin guyyaa Wiixata kaleessaa hidhamaniiru.
Godina Harargee lixaa magaalaa Cirootti humnoonni tikaa mootummaa wayyaanee raayyaa ittisaa waliin ta’uun dargaggoota mana hidhaatti guuranii dararaa jiraachuu oduun nu qaqqabeera.
Yeroo ammaa kana Waraanni Mootummaa federaalaa handhuura magaalaa Ciroo keessa qubannoo kaampii godhachuun sochii hawaasaa sakaaluu fi dargaggoota ukkaamsee hidhaa jiraachuun himameera.
OPDO’n Naannichaa, kanneen aantummaa hawaasa qaban jedhamani yaadamu hidhaa fi doorsisaan naaffatanii jiraachuu waliin wal-qabatee, Kantiibaan magaalaa Ciroo Obbo Xaahaa Waaqo erga hidhamanii bubbulaniiru.
Guyyaa Sambata darbe humnoonni tikaa Mootummaa wayyaanee badii tokko malee dargaggoota 14 qabuun gara mana hidhaa magaalaa Dirre Dhawaatti dabarsuu jirrattonni himaniiru.
Guyyaa Kibxata ar’aa mormii diddaa haara’oomsa warshaa Shaakkisoo laga Dambiin wal-qabatee godina Gujii magaalaa Fincaawaatti manguddoon otuuu hin hafin nama 50 ol hidhamuun huyyaa kaleessaa immoo namoonni 100 oli hidhamuun gabaafameera.
Humni Agaazii namoota jeequmsa irratti hirmaatan barbaadna jechuun halkan manneen namootaa irra deemuun mana namoota cabsuun namoota hedduu reebaa fi ukkaamsuu itti fufaniiru.
Godinaa lixa Walaggaa keessaa ABO waliin hidhata qabdu jechuun qeerroof jiraattonni qabamanii manneen hidhaa magaalaa Dambi Doolloo fi iddoowwan birootti hiraarfamaa jiraachuunis beekameera.
Karaa biroon immoo, Mootummaan naannoo Oromiyaa uummata Oromoo ajjesisiisuf mana hidhaatti guuruu irraa kan hafe angoo mirga uummatasaa ittiin kabachisiisu tokkoyyuu akka hin qabne ifatti agarsiise waan jiruuf, falli ummatni oromoo fii qeerroon qabu humna cimsatanii tokkummadhaan qabsoo hadhawaadhan ilmaan isaanii baraaru qofa jechuun hubachiisaniiru.
Muummichi Ministeeraa haaraan erga filatamee as ajjeechaa fi hidhaan ilmaan Oromoo irratti godinaalee oromiyaa gara garaa keessatti humna agaaziin raawwataa jiru ni dhaabbata abdiin jedhu jiraatus, hidhaas ta’e ajjeechaan daranuu itti fufeera.