Labsii yeroo muddamaa sababeeffachuun Dararaa fi hidhaan humnoota mootummaa Itiyoophiyaan jiraattota irratti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufe .

Erga labsiin yeroo muddamaa marsaa lammaffaa labsamee as qofa lubbuun namootaa darbuu, namoota hedduu irra miidhaan gara garaa qaqqabuu fi hidhaan oromiyaa bakkeewwan gara garaatti cimee itti fufee jira.

Humnoonni Komaand-poostii Godina Baalee Aanaa Gaasaraa magaalaa Dambalitti dargaggoota adamsanii hidhuun reebicha hamaa irratti gaggeessaa jiraachuun gabaafame.

Aanaa Gaasaraa magaalaa Danbal keessaa halkan Sanbataa qofa qeerroowwan 50 oli hidhamuun dararamaa akka jiran himameera.
Godina Jimmaa aanaa Limmuu Koossaatti, humni komaand Poostii jiraattota manasaaniitii butanii mana hidhaa Limmuu Suunxuutti dararuun ammas cimsee itti fufeera.

Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbiittiis, rakkoon raayyaa ittisa Wayyaaneetiin jiraattoota qunnamaa jirtu hammaachuun dhagahame. Sababa sochii Qeerroo gaggeessitan jedhuun naannichatti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa qaama mootummaan cufsiifamanii jiraachuu maddeen addeesaniiru.

Hararghee bahaa magaalaa qobboo keessaattiis, barattoonni manaa barumsaa sadarkaa 2ffaa qobboo kutaan 9ffaan guyyaa wixaataa irraa egalani qorumsaa diddaanni jiru.
Akkasumaas manni barumsaa sadarkaa 1ffaa qobboo guyyaa wiixata har’aa sababaa dargaggoonni gaafa Ayyaantuu Mahammad Shanqoo dutee command postin hidhaamanii hangaa bahaani baromsa hin barannuu jechuun barumsaa dhabbaniiru.
Erga Muummeen Ministeeraa haarawni muudamee asi gareen Komaandi Poostii guutuu Oromiyaa, godinaalee gara garaa keessatti hidhaa fii dararaan cimee itti fufee jira.