Koree Maastar Pilaanii Magaalaa Finfinnee haarawaan ijaaruun barame.

Karoorri Maastar Pilaanii Magaalaa Finfinnee kanaan dura mormii ummataan kaafamuun kan yaadatamuudha.
Haa ta’uu malee hooggantoonni Wayyaanee kanneen dantaan qabeenyaa nurraa tuqame jechuun murmii ummataan xiiqii seenan addati maastar pilaanii bifa haarawaan labsaniiru.
Labsiin Maastar Pilaanii mana mare Finfinnee lakkoofsa 48/2009n akka hujiirra ooluuf raggaasifame, jiraattota mariisisuun ala kan tahe jechuun ummatni mormaniiru.
Karoorri Maastar Pilaanii Finfinnee kun jiraattota qe’ee jireenyaa isaanii irraa kaasuun dachee magaalaa maallaqa guddaan gurguruuf akka tahe barame.
Dooktor Gizaachoo Tafarraa bulchinsa magaalaa Finfinnee ti itti gaafatamaa fii gorsaan tajaajila dachee magaalaa Finfinnee durii akka ESATf ibsanitti Maastar pilaanicha irratti akka ummata hin mariisisin ibsaniiru.
Maastar Pilaaniin kun ummataaf yaaddamee odoo hin taane jiraattota qe’ee jireenyaa iarraa buqqisuun qubsuma ummataa geeddaruufii ummatoota wal-keessa bittineessuuf akka ta’e Dooktor Gizaachoon himaniiru.
Koree haarawa maastar Pilaanii keessa Diyaaqoon Daani’eel Kibrat, hayyuu seeraa Obboo Abdii Alii Hijraa fii aaddee Muluu Salamoon hojjattuu daldalaa faan akka keessa seenan gochuun mormii ummataa ukkaamsuuf akka ta’e barameera.
Namoota beekkamoo kanneen miseensota koree maastar Pilaanii gochuun ummata sobuuf akka tahe himameera.
Kantiibaa Bulchinsa magaalaa Finfinnee Obboo Darribaa Kumaa kan fedhii TPLF hojjatuu dabalatee obboo Haylee Fissa itti gaafatamaan Waajjira tajaajila manneen magaalaa Finfinnee fi itti gaafatamaan waajjira A.D.W.U.I. magaalaa Finfinnee miseensota TPLF irraa ta’uun ifaadha.