Konfiransiin dhaabbatumaa Dh.D.U.O Ajandaa marii irratti waliigaluu dadhabuun guyyoota muraasa dheerefame ture xummurameera.

Konfiransin Dhaabbata Dimokirasummaa Ummataa Oromoo torbaffaa Onkololeessa 19 hanga 23tti Adaaamaa galma Abbaa Gadaatti geggeeffamaa tureera
Konfiransiin kana irratti Kadiroonni olaanoo fi sadarkaa gadii aanaarra jiran ajandaa marii irratti waliigaluu waan dadhabaniif guyyaa itti xumurame jedhamee karoorfameetti xummuramuu hin dandeenye jedhameera.
Konfiransichi kan yeroo kamuu caalaa qondaltoota Olaanoo fi kadiroota sadarkaa gadanarra jiran giduutti mormii cimaa keessumeessa akka ture keessa beektoonni himaniiru.
Hirmattoonni bilbilaa harkaa dabalatee meeshaa elekitirooniksii kamuu fudhatanii galama walgahichaa akka seeneef sakkata’iinsi cimaan akka ture himameera.
Rakkoo naannoo Oromiyaa fi biyyaatti yeroo ammaa mudate kiraa sabsabdummaa, ilaalacha, Bulchiinsa Gaarii fi kenna tajaajila jechaa dhoksanii bira darbuun akka hin danda’amne hirmattoonni himaniiru
Qondaltoonni Olaanoon rakkoo biyyaatti diigaa jiru iftominaan dubbachuuf qopha’iina hin qaban akkasumas ajandaan mariif dhiyaate quubsaa miti jechun hirmattoonni mormaniiru.
Rakkoo nageenya naanniicha, walitti dhufeenya Dh.D.U.O fi Paartiiwwan miseensoota ADWUI akkasumas dhiibaa guddaan mootummaa Federaalaatiin Ummata Oromoo irra gahaa jiru iftominaan irratti mar’atamee murtiin itti kennamu qaba jedhaniiru.
Haaromsa gadi fagoobooda miiri tokkummaa, walgargaaruu, walamanuu fi walbira dhaabbachu Ummata Oromoo cimaa akka dhufe Hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeshiinii Oromiyaa Obboo Addisuu Araggaa himaniiru
Sochiin Diinagdee Oromiyaa obboo Abbaa Duulaa Gammadaa olantummaan ni hogganu jedhame eegamus cimee akka itti fufu himaniiru
Dhaabbata Dimokirasummaa Ummata Oromoos akkaata dhaabni siyaasa cimaan tokko ittin maadalamun jijjiiramni hojii gurma’iinsaa akka jiraatus dubbataniiru
Hirmattoonni konfiransichaa yeroo boqonnaa shaayii fi laaqanatti obboo Abbaa Duulaa Gammadaatti marsuun murtii aangoo afa yaa’ummaa gadhiisuuf murteessanitti akka gammadan itti hima turan jedhameera
Hirmaattoonni baay’een obboo Abbaa Duulaa Gammadaa aangoo sobaa gadhiisuuf waan murteesaniif galateeffachuun gara fulduraattiis isaan maddi dhaabbachuuf waada galaniiru
Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa Kabaajan Ummataa fi dhaabbata isaanii wayita tuqamu furmaata kennuu kan hin dandeenye yoo ta’e, aangoo irra turuu hin barbaadu jechun isaanii kan yaadatamudha
Hirmattoonni Konfiransichaa waadaa ummataaf galame raawwii isaa gamaaggamuun kallattiin qabsoo itti aanu kaa’uun ibsa ijjaannoo abbaa qabxii 10 baafachun waltajjiicha akka xumuran himameera.