Keeniyaatti Hogganaan Paartii Mormitoot Raayilaa Odiigaa “Pirezedaantii Ummataa” Ofiin jechun sirna Kakuu Raawwatan.

Filannoonno Pirezeantummaa keeniyaa bara darbee taate adda addaa keessummeessuun itti fufeera .
Bu’aa filannoo jalqaban Pirezedantiin biyyaatti Uhuuruu Keenyaattaa sagalee caalmaan akka injifatan himamee ture.
Yaa ta’u malee, hogganaan paartii mormitoota Raayilaa Odingaa bu’aa filannicha mormuun mana murtiitti iyyaachun bu’aan filanicha haqameera
Manni murtich adeemsi filanicha rakkoo akka qabu mirkaneessuun filannoo Pirezedantummaa irra deebiin akka filatamu murteessuun deeggartoota Raayila Odinigaa gammachiiseera
Filannoon Pirezedantummaa irrra deebi’iin gaaggeefamuuf guyyoonni murasni wayita hafan hogganaan paartii mormitoota raayila Odingaa filannicha irratti akka hin hirmaannee beeksisuun taate biroo ta’ee darbeera
Filannoo ji’a Onkololeessaa keessa irra deebiin gaggeeffameen pirezedaant Uhuuru Keenyaattaa qophaa isaanii dorgomanii filatamanii ji’a sadaasa darbee kakuu raawwataniiru
Hogganaan Paartii Mormitoota Raayila Odingaa immoo bakka deeggartoonni isaanii kumma dhibbaan lakkawaman argamanitti akka lakkofsa warra faranjoota Amajjii 30 bara 2018 “Pirezedaantii Ummataa” Ofiin jechun sirna kakuu raawwataniiru
Deeggartoonni Raayila Odingaa sirna Kakuu magaala guddo Biyyaatti Naayroobii paarkii Uhuuruutti raawwatame kanarratti dhadannoo adda addaa fi baala mukaa mallattoo kakuu qabachun hirmataniiru
Sirni kakuu Raayila odiinga irra caalaa nagaan kan xumurame yoo ta’u, deeggartoonni sirnichi akkuma xumuramee hatattamaan paarkichaa gadhiisanii akka bahan gabaafameera
Bulchiinsi mootummaa Uhuuru Keenyaattaa Miidiyaalee biyyaatti sagantaa kakuu Raayilaa Odingaa akka hin tamsasaane akeekkachisee ture
Haaluma kanan mootummaan biyyaatti dhaabbilee Televizhiinii biyyaatti lama sirna kakuu hogganaa paartii mormitoota Raayila Odingaa akka hin taamsasineef qilleensaarra ittiseera
Keeniyaa keessatti tamsaasaa midiiyaalee cufuun kana dura kan baratame akka hin taane BBCn gabaaseera