Keeniyaatti bokkaa cimaa roobeen manneen hedduu liqimsuun, namoota galaafate

Hanga ammaatti namoonni balaa kanaan lubbuu isaanii dhabanii fi Hanga guyyaa har’aatti kanneen reeffi isaanii argame 41 gahuun beekameera.

Balaan kun kan uumame Caamsaa 09/2018 halkan erga hawaasni hirriba rafeen booda akka ta’ellee gabaafameera.

Bakki balaan kun itti raawwatames magaalaa guddoo keeniyaa, Naayroobii irraa KM 190 gara Kaaba-dhihaatti Kan argamtu magaalaa Soola’ii jedhamtutti.

Kanneen balaa kanaan lubbuu isaanii dhaban keessatti dubartootaa fi daa’imannis kan argaman ta’us ibsameera.

Waldaan qaxxaamura Diimaa Addunyaa kan damee Keeniyaa namoota balaa lolaa kanaan miidhaman lubbuu isaanii baraaruuf
hojjechaa akka jiran dubbate.

Jiraattonni 2000 ol ta’an manaa fi qabeenyi isaanii lolaa kanaan jalaa manca’uun mana malee hafaniiru.

Aanga’onni akka jedhanitti, miidhaan dhaqqabe hanga ammaatti hagana jedhamee ibsuuf kan nama dhibu ta’uu ibsuun , yeroo hojii lubbuu baraaruu dalagaa jirru kanatti lakkoofsi namoota du’anii dabaluu danda’a jedhan.

Akka poolisoonni naannichaa ibsanitti hidhaan bishaanii Paatal jedhamu akkuma cabeen jiraattonni sagalee dhagayanii jalaa baqachuuf yaalanis sababa dhoqqee fi humna bishaanichaatiin gufatanii lubbuu isaanii dhabaniiru jechuun dubbatu.

Kuusaan Bishaanii Paataal jedhamu kun qonnaa abbaa qabeenyummaan isaa kan nama dhuunfaa ta’e jallisii fi horsiisa qurxummiitiif kan tajaajilu yommuu ta’u, guutee cufaa cabsuun manneen jiraattoota irra garagaluun balaa kanaaf hawaasa saaxileera.

Balaa bokkaa fi jiguu hidha kanaatiin wal qabatee manneen barnootaa magaalaa kanatti argamanii fi midhaan ooyruu irratti facaafamee ture manca’eera.

Bokkaa cimaa ji’a Bitootessaa irraa eegalee roobaa tureen Keeniyaa keessatti hanga ammaa guutuu biyyattiitti sababa balaa bokkaatiin Namoonni 162 ta’an du’aniiru.