Kara Nagaan yaada ofii ibsachun mirga jechun Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa Ibsa Baaseera.

Hiriira mormii Godinaalee Oromiyaa ilaalchisun Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa ibsa baaseen namni kamuu karaa nagaan yaada ofii ibsachuun mirga jedheera.
United states hiriira nagaa mirga seera qabeessa yaada ofii ibsaachuu fi Siyaasa keessatti hirmaachuutti akka ilaaltu ibsa kanarra hubatameera
Hirirri mormii lammiileen karaa nagaan yaada ofii ittin ibsatanii fi nagaan xummurame akkasumas humnoon nagaa kabachiisan tarkaniiffii fudhachuurra of- qusachun lammiileen yaada isaanii akka ibsatan waan gumaachaniif kan dinqisifaamu ta’u Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa ibsa baaseen dinqisifateera.
Hiriirri mormii tibbaana gaggeeffame jeequmsan xummuramuu fi lubbuu namoota nagaa darbuun akka gaddisisee Imbasin Ameriika beeksiseera.
Gochi kun karaa iftoominaa qabun qoratamee qamoolee badii hiriira nagaa kara jeequmsaatti jijjiiruun lubbuun akka darbuuf taasisan seeraatti akka dhiyaatan Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa hubachiiseera.
Lammiileen Itoophiyaa hundi yaada isaanii karaa nagaan ibsachuu akka itti fufan akka jajjabeessu Imabsiin Amerika ibsa baaseen beeksiseera.
Qondaltoonni Mootummaa Itoophiyaas lammiileen biyyaatti yaada ofii karaa nagaan akka ibsatan eyyamu qabu jedheera.
Waliigalatti mariin hunda hirmachiisee fi lammiilee Itoophiyaa fayyadu akka gaggeeffamu kan jajjabeeffamu ta’u Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa ibsa baaseen beeksiseera.