Jirattoonni Magaala Finfinnee Kuma 200 ol nyaataan waan of hin dandeenyeef Baankiin Addunyaa gargaaruuf akka murteesse himame.

Jirattoonni magaala Finfinnee hiyyummaa hamaa keessa jiran kumni 32 namoota humna hin qabnee waan ta’aaniif ji’a ji’aan birrii 170n lakkoofsa maatii qabaniin baay’ifamee akka kennamuf himameera
Jirattoonni kumni 168 immo hojiilee misoomaa naannoo isaanii irratti hirmaachiisuun kan kaffalamuuf ta’un himameera
Baankii Addunyaa lammiilee Itoophiyaa hiyyummaa hamaa keessa jirataniif dolaarii miiliyoona 400 fi miiliyoona 50 ramade keessa dhibbeentaa 70n jirattoota magaala Finfinneef akka ramade himameera
Jirattoonni magaala Finfinnee Aanaalee 55 keessa jiraatan kumni 200 gargaarasa baankii Addunyaa waggoota kudhaniif turu kanarra fayyadamtoota akka ta’an gabaafameera
Pirojektiin Baankiin Addunyaa lammiilee Itoophiyaa hiyyummaa hamaa keessa jiran gargaaruuf akka lakkofsa Itoophiyaa bara 2009 jalqabe kun hanga bara 2018 akka itti fufu beekameera
Itoophiyaa biyyoota Addunyaa hiyyummaa hamaa beekaman keessa sadarkaa lammaffaarra akka jirtu ragaaleen mul’isaniiru
Biyyii sadarkaa addunyaatti hiyyummaan Itoophiyaa caaltu biyyaa dhiha Afriikaa Nijeer qofa akka taate ragaaleen adda addaa ni mul’isu.