Jilli Marii Adda Dimokratawa Oromoo Guyyaa Roobii Booru Finfinnee Galuun isaanii beekkame.

Jilli garee marii Adda Demokraasummaa Oromoo(ADO) guyyaa Roobii booru Finfinnee kan galu ta’uu Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Federaalaa ibsuu Televiziyoonni Fanaa Brood kaastii ibseera..
Hooggantoonni Adda Dimokraatawa Oromoo (ADO) hoogantoota Adda Bilisummaa Oromoo duraanii warra gaafa Chaartara Mootummaa cee’omsaa keessa ba’anii turan dabaltee magaala Finfinnee ni galu jedhameeti eegama.
Jila marii Adda Dimokraatwa Oromoo kana irratti Obboo Leencoo Lataa, Obboo Leencoo Baatii, Dr. Diimaa Nagoo,DR. Bayaan Asoobaa , Dr. Hassan Hussen fii kanneen biro akka irraa hirmatan beekameera.
Addi Dimokraatawaa Oromoo jijjirama foyyeessuu Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru kan ilaleen jila mootummaa Itiyoophiyaa kan sadarkaa olaanaa waliin gaafa caamsaa 11 fi 12 bara 2018 biyya laatti mari’achuu isaa ibsa baasuun waan yaadatamuudha.

Jilli kun waamicha Addi Demokraasummaa Warraaqsa Ummattoota Ityoophiyaa paartilee siyaasaa nagayaan qabsaa’uu barbaadan waliin mari’achuu fi waliin hojjechuuf dhiyeesseni gara biyyaa akka dhufan himameera.
Addichi kanaan duras mootummaa waliin marii gaggeessun isaa ni yaadatama.
Jilichi qabsoo nagayaa biyya keessatti gaggeessuuf mootummaa waliin kan mari’atu ta’a jedhameera.
ADO’n erga hundeeffamee kaasee qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf murteessuun yero gara garaa mootummaa Itoophiyaa wajjiin marii geggeessaa akkaturan ibsaniiru.