Itoophiyaa madda gosa bunaa Arabikaa jedhamuun kan beekamtu yoo ta’u,balaan jijjiiramni qilleensaa buna irratti qaqqabsiisaa jiru kun miidhaa Oomishaa Wayiinii biyyaa faransaay irra gahe wajjiin akka walfakkatu madii oduu The Guardian gabaaseera
Biqiltuu bunaa gara naannoo baddaa qilleensa qorraa qabuutti babal’isuun Oomishitummaa dabaluu fi balaa jijjiiramni qilleensaan irra gahu hambisuuf akka gargaaru qorannoon kun mul’iseera.
Addunyaa irratti Oomishni Bunaa fi Shaayii namoota miiliyoona 100f carraa hojii uumuusa himameera.
jijjiirama qilleensa wajjiin walqabatee O’ii dabalaa jiru Oomisha bunaaf balaa akka ta’e qorannoo kanan mirkana’eera.
Jijjiiramni qilleensa kun biqiltuu bunaa goggogsuu fi qulqulliina Bunaa akka hir’isu himameera.
Balaa Jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarkaniiffiin kan hin fudhatamne yoo ta’e, gaatiin bunaa baay’ee kan dabaluu fi dhamdhamni bunaa akka jijjiiramu qorannoon kun mul’iseera.
Qorannoo naannoolee Itoophiyaa buna Oomishaan irratti gaggeeffameen, dhibbentaa 40 hanga 60 xumura jaaraa kanatti sababa jijjiirama qilleensaatiin balaaf ni saaxilamu
Sanyii bunaa gara naannoolee baddaa qilleensa qorraa qabaniitti babal’isuun miidhaa qaqqabu hambisuuf akka gargaaru qorattoonni dubbataniiru
Kana malees naannoolee biyyaatti duraan buna hin Oomishneetti Oomishaa bunaa babal’isuuf akka gargaaru Qorannoon Nature Plants Journaljedhamu irratti maxxanfame mirkaneesseera
Akka lakkofsa warra Faranjootaa bara 2040tti gareewwaan Itoophiyaa irratti Buna Oomishuun akka danda’amu ogeessii Royal Botanic Gardens Kew UK fi qorannoo kana hayyoota Itoophiyaa wajjiin kan qoratan Aaron Davis himaniiru.
Naannoolee Itoophiyaa buna Oomishan fi jijjiiramni qilleensaattiin miidhaa irraan gahee keessaa Godinaaleen Harargee lamaan akka argaman Daviis himaniiru.
Godinaalee lamaan keessatti biqiltoonni bunaa goggoguun akka du’aan dubbataniiru