Itoophiyaatti sababa hongee cimaa mudate wajjiin walqabatee lakkofsi namoota gargaarsa midhaan nyaata isaan barbaachisu miliyoona laman akka dabale himameera.
Haaluma kanan lakkofsi lammiilee biyyaatti gagaarsa midhaan nyaata hatattamaa isaan barbaachisu gara miiliyoona 7.78 akka ol guddate Komishinariin Qajeelcha hojii Yaaddoo Biyyaaleessa Mitikkuu Kaasaa Sagalee Amerikaa Sagantaa Afaan Amariffaatti himaniiru.
Namoota bifaa haaraan gargaarsa midhaan nyaata isaan barbaachisu miiliyoona lama keessa miiliyoonnin tokkoo fi walakaan naannoo Oromiyaa keessatti argamu,
Nannoo Ummatoota Kibbaatti namoonni Kuma dhibba sadii fi kumni sadi gargaarsa midhaan nyaataa hatattammaa isaan barbaachiisa jedhamanii amma kan dabalame ta’u himaniiru.
Namoonni kuma dhibba sadii fi kuma Afur immoo jirattoota naannoo Amaaraa akka ta’an himameera. Naannoo Amaaraatti qonnaan bultoonni Oomishni isaanii Qorraa,cabbii fi lolaa bishaaniin waan jala manca’eef lakkofsi namoota gargaarsi midhaan nyaataa isaanii barbaachisu akka dabaluuf gumaachuusa dubbataniiru.
Lammiileen Itoophiyaa miiliyoona shanii fi kumni dhibba jaha sababa hongee cimaatiin gargaarsa midhaan nyaataaf saaxilamanii kan turan ta’un kan yaadatamudha.
Waluma galaatti ji’a ebla bara 2009 irra jalqabee lammiilee biyyaatti miiliyoona torbaa fi kuma dhibba torbaf gargaarsi midhaan nyaata yeroo hatattamaa kennamaaf akka jiru komishinariichi beeksiisaniiru.
Lammiilee Itoophiyaa sababa hongeetiin gargaarsa midhaan nyaataaf saaxilaman kanniin gargaaruuf dolaarii biiliyoona tokkootti dhiyaatu ni barbaachisa jedhameera.
Maallaqa jedhame kanaas argachuuf hawaasa addunyaaf waamicha dhiyaatuus deebii gahan akka hin argamne himameera.
Waamicha kanaaf Mootummaan Amerikaa doolaara miiliyoona dhibba tokkoo fi miiliyoona kudha-afurii akka gumaache Komishinaar Mitikkuun dubbataniiru. Mootummoonni biyyoota biroon tokko tokko immoo gargaarsa miliyoona kudhanii gadii kan kennan akka jiran beeksiisaniiru.