Itoopohiyaa keessatti jijjiirama Qilleensaa,rakkoo qabiinsa qabeenya Ummamaa fi qabeenya jiru haalaan itti fayyadamu dhabuun madda balaa hongee ta’uun ni himama.
Balaa hongee kanan hanqinni midhaan nyaata yeroo ammaa sadarkaa yaaddeessaa irra gahuun lammilee biyyaatti beelaaf akka saaxile himameera.
Yeroo ammaa lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 8 fi kumni dhibba shan gargaarsa midhaan nyaataa yeroo hatattamaaf akka saaxilaman Dhaabbanni mootummoota gamtomaanii beeksiseera.
Jirattoonni kutaalee biyyaatti kibbaa fi kibbaa baha biyaatti jiraatan balaa hongee kanaaf irra caalaan akka saaxilaman himameera.
Itoophiyaatti balaa hongee sadarkaa yaadeessaa irra gahe kanaaf furmaata barbaaduuf qondaltoonni mootummoota gamtomaanii sadii jimaata jalqabee guyyoota sadiif biyyaatti akka daawwatan himameera.
Qondaltoonni Dhaabbilee mootummoota gamtomaanii sadeen Hogganaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa(FAO)Joozee Giraziyaanoo, Itti gaafatamaa Fandii Misoomaa Qonnaa Gilbaart Howungiboonaa fi Hogganaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Deeviid Beeysiluu akka ta’an himameera.
Qondaltoonni olaannoo dhaabbatichaa jirattoota hongeen midhamanii fi dhiyeessa midhaan nyaataa ni daawwatu jedhameera.
Naannoo Sumaaleetti beelladoonni baay’een balaa hongeen waan dhumaniif yeroo amma haala dhiyeessa nyaata beelladoota naanniicha keessa jiru akka daawwataniis himameera.
Daawwii isaanii dirree erga xumuranii booda immo qindaltoota mootummaa Federaalaa wajjiin magaala Finfinneetti akka mari’atan himameera.
Oduu biraan immoo, Hogganaan Dhaabbata Gargaarsa Amerikaa Mark Green balaa hongee biyyaati mudate wajjiin walqabatee Itoophiyaa daawwachaa akka jiran himameera.
Hogganaan dhaabbatichaa Ministiira Muummee Obboo Hayilamariyaam Dassaleeny wajjiin walarguun miidhaa balaan hongee lammiilee biyyaatti irran gahaa jiru cimaa dhufun akka isaan yaaddeesse itti himaniiru
Lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 8 ol beelaaf saaxilamanii gargaarsa midhaan nyaataaf harka qaama biraa eegga wayita jiraniitti qondaltoonni mootumma bara haaraa guyyoota 10f haala adda addaan kabajuuf qohiirra jiru.
Lammiileen biyyaatti waan nyaataanii fi dhugan dhabanii rakkacha wayita jiraniitti bara haaraa dhichiisaa, nyaataa fi dhugaatiin kabajuuf maallaqa miiliyoona baay’ee ramaduun lammiilee biyyaatti biraatti gaaffii uumeera