Mootummaan Itoophiyaa diinagdeen biyyaatti waggoota kurnan darbaan wagga waggaan harka laman guddachaa akka ture beeksisaa tureera.
Yaa ta’u malee, biyyaatti ammaas sadarkaa biyyoota hiyyuummaa hamaa keessa jiraniitti akka ramadamtu Gaazeexxaan World Economics jedhamu gabaaseera.
Itoophiyaa keessatti yeroo amma galiin nama tokko dolaarii 590 yoo ta’u, kun immoo biyyoota Afriikaa fi Addunyaa biroo wajjiin yoo walbiraatti ilaallamu baay’ee xiqqaadha jedhameera.
Galiin lammiilee biyyoota Afriikaa gaammoojjii sahaaraa gadii keessa jiraatan argatan giddugalaan dolaarii 1000 akka gahees himameera.
Guddinni diinagdee Itoophiyaa galmesiisaa turte jedhame garuu galii nama dhunfaa irratti jijjirama akka hin fidne beekameera.
Biyyoonni Afriikaa akka Siisheelsi dolaarii kuma 14 fi Ikutoriyaal Giiniitti galii nama dhunfaa immoo dolaarii kuma 14 akka gahe gaazeexxaan kun gabaaseera.
Keeniiyaatti galii nama dhunfaa dolaarii 1, 522 akka gahe gabaafameera.
Sudaan Kibbaa, Burundii fi Maalaawiitti namni tokko galii dolaarii 300 gadii argachuun biyyoota sadarkaa gadii aanaa irra jiran ta’u isaanii gaazeexxaan kun gabaaseera.
Lakkofsa lammiilee Itoophiyaa keessaa dhibbentaa 24 hiyyuummaa hama keessa akka jiraatan himameera.
Galiin lammiilee Itoophiyaa garagarummaa guddaa akka qabus gaazeexxaan kun ragaalee gara gara waabeffachuun gaabaseera.
Mormiin ummata bara darbe turee fi balaan hongee guddina diinagdee biyyaatti irratti miidhaa akka fide gabaafameera.
Guddiinni diinagdee Itoophiyaa bara darbee omishaa waggaa wajjiin yoo walbiraatii ilaallamu dhibentaa 5.4 qofan akka guddate gaazeexxaan kun gabaaseera.
Bara warra faranjoota 2017 diinagdeen biyyaatti naannoo dhibentaa torban akka guddatu dhaabbiileen faayinansii addunyaa tilmamaniiru.
Qondaltoonni mootummaa Itoophiyaa gamasantiin, diinagdeen biyyaatti dhibentaa 10n ni guddata jecha jiru.