Humni raayyaa Ittisaa poolisoota Naannoo Oromiyaa fi Kan Naannoo Somaalee Moyyalee keessa jiran hidhata hiikkachiise’

Walitti bu’iinsa dilbata darbe lubbuu nama 8 ol galaafatee 40 ol madeesse booda humni Ittisa biyyaa nagaa kabachiisuuf gara Moyyalee dhaqe, humnoota poolisii Naannoo Oromiyaa fi kan naannoo somaalee Moyyalee jiran irraa hidhannoo hiikuu jiraattonni magaalattii dubbatan.
guyyaa wixata darbe hedduminaan gara magaalattii kan dhaqan humnootni Ittisa biyyaa Waajjira Poolisii magaalaa Moyyalee akka to’atan, humnoota poolisii Oromiyaarraallee hidhannoo akka hiikan beekame.
Waraana dilbata darbe mooyyaleetti ta’e ilaalchisee Qaamni Biyya bulchaa jiru Koomaandi Poostiin ibsa baasuun ni yaadatama.
Ibsa ba’e kana keessattis walitti bu’iinsa kana namoota rasaasa harkaa qabantu gareen wal dhahe jechuun dubbatan.
Kanaanis lubbuun namaa darbuu fi hedduunis madaa’uu, ammas rasaasa seeraan alaas hedduu nama harkaa akka booji’an ibsaniiru.
Akka jiraattonni magaalattii himanitti, ammas hidhattoonni naannoo Somaalee eeggatanii miidhaa geessisuu danda’u sodaa jedhu qabaachuu hubachiisaniiru.
Jiraattonni Moyyalee hedduun humni ittisaa kan bifa haaraan Magaalattii keessa buufate kun nageenya magaalattiif furmaata fida jedhanii akka hin amanne dubbatu.