Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Saamooraa Yaanus harkaa akka ba’aa jiru himame.

Odeeffannoon humna waraanaa akka ibsutti, humni waraanaa sadarkaa jeneraalotaa gadii jiran qaceelfama jeneraal Saamooraa Yuunis qindoomina jeneraalota 8tiin geggeeysaa jiru fudhacuuf fedha qabaachaa akka hin jirre himameera.

Ajajaoonni humna waraana gadii jiran jijjarama dhufaa jiru waan deeggaraniif ajaja jeneraalonni gubbaa itti kennan didaa akka jiran ibsameera.

Muummeen Miniateeraa Dr. Abyi Ahmad jijjiirama deemaa jiru yo caasaa humna waraanaa keeysatti hin geggeeysine ta’e, rakkoon cimaan akka waraana ittisa biyyaa keeysatti uumamuuf jiraatu hubachiisaniiru.

Ajajaan waraanaa Jeneraal Saamooraa Yuunis haala humni waraanaa agarsiisaa jiruun rakkoo keeysa jiraachuun himameera.

Humni waraanaa haasawa Muummeen Ministeeraa guyyaa irraa guyyaan gegeeysaa jiru erga hubatanii booda ajaja bara dheeraaf itti kennamaa tureen shoorarkeessitoota, gareen biyya murtu biyya seentee irti jechuun tarkaanfii lammiilee biyyatti irratti fudhachaa turanitti haalaan gadduun, kanaan booda ajaja Saamooraa Yuunis faa akka hujitti hin hiikne ibsaniiru.

Haalli kun waliigala humna waraan ittisa biyyaa keeysaa akka calaqisaa jiruus ragaaleen mul’isaa jiru.