Hoogganaan kooriyaa kaabaa kim joong ..un gara chaayinaa imaluun daawwannaa irra jiraachuun gabaafame.

Qondaalli Kooriyaa Kaabaa Chaayinaa daawwatu eenyu akka ta’e tilmaammiin eega taassifamaa turee booda, hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Joong-un akka ta’e mirkaneeffame.
Dawwannaan Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaatiin mirkaneeffame kun, Kiim eega aangoo qabatanii daawwannaan isaanii kun kan jalqabaa ta’uun beekame.
Kiim hoogganaa Chaayinaa Shii Jinpiing waliin Bejiing keessatti ”marii milkaawaa” qabaachuuf jiran jechuun, dhabbanni oduu Chaayinaa Shiinhu’aan gabaaseera.
Chaayinaan waahila diinaggee Kooriyaa Kaabaa guddoo wayita taatu, marii Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaa waliin karoorfatte dursuun Bejiingiin mariisisuun isii kanuma dhugoomsa ja’ame.
Kiim Pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-in wajjin caamsaa keessa, Pirezidaantii Ameerikaa Donaald Tiraamp waliinis baatii Eblaa keessa walitti dhufufi jedhamee eegama.

Turtii daawwannaa isaanii keessattis Kiim meeshaa waraanaa niwukileera isaanii dhiisuuf akka murteessan gita isaanii kan ta’an pirezidaantii Chaayinaatti kan mirkaneessan ta’uu himuun, kunis haal duree waliiniiti jechuun akka dubbatan dhabbanni oduu Shiinhu’aan gabaaseera.