Itiyoopiyaan waggoota hedduu keessatti hongee hamaatu ishee mudate.
Kanneen hanqina nyaataan irra caalaa miidhamanis ijoollee yemmuu ta’an dhukkubaafis isaan saaxilee manabarnootaa irraa hanqachuu danda,an.
matahaaraa bakka lammiiwwan biyattii irra guddaan gargaarsa namoomaa barbaadan irraa marthe van der wolf gabaastee jirti.
Hongee yeroo ammaa jiru irraan kan ka’e lammiiwwan Itiyoopiyaa miliyoona kudhanii ol ta’an gargaarsa midhaan nyaataa kan yeroo hatattamaa eeggataa jiru. Ijoolleen immoo irraa hafuu waan hin dandeenyeef balaa kanaaf daran saaxilamaniiru.
Hati daa’ima umuriin waggaa sadii fi hanqina nyaataan miidhame waliin kilinikii keessatti argaman tokko akka jedhanitti hanqina irraan kan ka’e qaamni isaaa akka miidhame dubbatti. Ijoolleen dhiiraas erga beeladoonni qaban martinuu hongee irraan kan ka’e dhumanii booda maatii isaanii gargaaruuf jecha barnoota addaan kutan.
Mootummaan Itiyoopiyaas ijoollee miliyoona ja’an kanneen afaan beelaa jiran, dhukkubaa fi hanqina nyaataa akkasumas hanqina bishaaniin dararaman gargaaruuf jaarmolii gargaarsaa waliin hojjetaa jira.
Jarmayaa gargaarsa daa’immanii irraa Saamu’el Terfa akka jedhanitti sababa hinqina nyaataa fi beelaan kan ka’e ijoolleen hanqina nyaataa madaalawaaf saaxilaman kun guddinni sammuu isaanii fi dandeettiin yaaduu isaanii gad bu’aa fi dhibee garaa kaasaafis ni saaxilamu jedhan.
Gargaarsa yeroo hatattamaa kanaaf gargaarsa maallaqa yeroo hatattamaa doolaara miliyoona 800 oltu argame.
Mootummaan Itiyoopiyaa fi tokkummaan mootummootaa akka jedhanitti garuu waggaa kana qofaaf doolaara biliyoona 1.4tu barbaachisa.
Haadha ijoollee ja’aa kan ta’an Alko Bultum ijoollee isaanii ja’an nyaachisuuf malli tokkichi gargaarsa argachuu dha jechuun dubbatu.
Sababa hongee Kanaan gargaarsa mootummaa eeggachuu malee , Mana keessaa homaa akka hin qabneefi Bishaan dhugaatii dhabuu dubbatu.