Guyyaan yaada- ibsachuu ( World press freedom) addunyaa kabajame.

Dhaabbanni Aayfeeks jedhamu kan dhimmoota yaada walabaan ibsuu irratti hojjatu ayyaan guyyaa har’aa yaada-ibsachuu adunyaa ilaalchisuun ibsa baasaniin ji’a Waxabajjii bara darbee irraa jalqabee waggaa tokko qofa keessatti gaazexeessitoonni 46 haala qindaaween ajeefamuu isaanii gabaasaniiru.

Hojmaata gaazexeesootaa keessatti hojii malaammaltummaa (hattummaa) gabaasuun ajeefamuu gaazexeessitootaaf akka sababaa guddaa ta’e barameera.
Ji’a Waxabajjii waggaa darbee irraa jalqabee Gaazexeessitoota 46 bifa ta’e ja’amee qindoomina qabuun ajjeefamana keessaa 9 otoo hojii irra jiranii yoggaa ajjeefaman, 33 immoo iddoo lolli jiru keessatti otoo hojii gaazeexeesummaa gabaasanii ajjeefamuun himameera.

Dhaabbanni IPI jedhamu akka ibsanitti gaafa bara warra faranjootaa bara 1997 irraa jalqabee hanga ammaa waggoota 21 keessatti gaazeexeessitoonni kuma tokko fii dhibba saddeet fii tokko(1801) ajjeefamaniiru.

Biyyiti Afgaanistaan kan kufinsa bulchinsa Talibaanii asi hookkara keessa jirtu gaazeexeessitoota gaafa jalqabaa dhoohinsa Boombiin ajjeefaman 10 yaadachuun guyyaa walabaan yaada ibsachuu adunyaa kabajaniiru.
Biyyota adunyaa gara garaa keessatiis guyyaan Yaada –Ibsachuu adunyaa kabajamee ooleera.

Biyyiti Itoophiyaa kan mirgoota yaada walabaan ibsachuu ilaachisee adunyaa irraa sadarkaa 150ffa, akkasumaas biyyoota Ardii Afrikaa keessaa sadarkaa 40ffa irra jirtuus guyyaa yaada walabaan ibsachuu adunyaa kabajuunn gabaafameera.

Kabajaa ayyaana Yaada walabaan ibsachuu biyya Itoophiya irratti namoonni gaazexeessitoota yaada bilisaan ibsachaa turan akka hidhaman taasisuu fii namoota sababaa mirgaa kanaaf hidhaman akka hin hiikkamne taasisaa turan adda durummaan akka irraa hirmaatan himameera.

Guyyaa Yaada ibsachuu ar’aa kana ilaalchisuun barreessaan dhaaba mootummaa gamtoomanii Antooniyoo Gutaareez biyyiti adunyaa mara mirga yaada walabaan ibsachuu akka kabajan waamicha dhiheessaniiru.

Gaazexeessaan Iskindir Naggaa kan ayyaan guyyaa yaada walabaan ibsachuu magaalaa Naayroobii tti kabajame irratti keessummaa kabajaa ta’uun afeeramanii turan galgala har’aa magaalaa Finfennee ti galuun issaanii himameera. Akkasumaas, galgala Jimaata boruu magaalaa Finfinnee irraa bararuun ganama sambataa buufata Xayyaaraa magaalaa Waashingiton DC tti akka bu’u eegamaa jira.

Guyyaan Yaada walabaan ibsachuu sadarkaa aduynaa tti guyyaa Caamsaa 3 kabajamuu kun gaafa bara warra faranjootaa bara 1993 wal-ga’ii Mootummaa Gamtoomaniin murtaa’ee ture.