Qophii tanaaf torbee sadii caalaa qophii cimtuu taasisuun hawaasni Oromoo godinaalee biyya Amerikaa jiraatan marti akka qooda irraa fudhatan tattaafachaa turuuniis barameera.
Qophii guyyaa arraa tana milkeeysuuf jecha kaleessa galgala hoteela Metro Point tti walgahuun haala sagantaa guyyaa arraa itti qaceeluun malu irratti marii addeellaan face book gubbatti adunyaa maraaf dabrsaa ti turan. Marii tana irraa hiis sadarkaa adunyaatti namoonni baayyeen qooda irraa fudhachaati turan.
Marii tana hoongeeysuuf Embasiin Itoophiyaa warra Kongrasa ameerikaa waliin dubbatuuf tattafachaa akka turanii fii warri kongrasaa tiis marii booda isaan qunnamuu akka jiraatan gabaafameera.
Qophii hiriira mormii hawaasni Oromoo Amerikaa gama Kaabaa Waashigton DC galma Walgahii Kongireesii Amerikaa, CAPITOL Hilli tti qopheeyfame irratti Miseensi mana marii godina Minisootaa Beetii Makikollom (Betty McCollum) haasawa godhaniin , dhimma Oromoo Kongiressi Yunaaytid Isteetsitin gahuu fi ambaasaaddarii Itoophiyaa Waashingtan DC jiru wajjiniis haasawuudhaaf waadaa galuu isaanii ibsanii jiru.
Qophii tana irratti Qorattuun aadaa fi jiruu namaa ( anthropologist), Boonii Hoolkoom, rakkoon Oromoo irra gahuu oromoo qofa miti, ilmma namaa hunda irratti dhiibbaa fida jechuun ibsite. Aaddee Booniin woggaa 40 ol waayyee Oromoo nama qorachaa ture tahuun Oromoon Qabbannee jechuun maqa itti mogaasaniiti jiran.
Tattaaffiin arra geggeeyfamaa oolti tun akka poolisiinbiyya itoophiyaa jijjiiramtu dhiibbaa irratti uumuu akka tahe namoonni qaamaan hiriirairratti argaman nuuf ibsan.
Namoonni guyyaa arraa mormii tana irraa qooda fudhatan lakkoofsaan haga 3000 olii tahuus gaafii fii deebisaa nama hirra irratti argamerraa hubanneeti jirra.
Hiiraa irratti lammiileen biyya itoophiyaa naannoolee gara garaa irraa mallattooisaanii qabatanii akka qooda irraa fudhatan ibsameera.
Guyyaa Arraa Kaappitaal Hiilitti ganama sa’aa 8:30 A.M. irraa jalqabanii akka qooda irraa fudhachaa turaniis gabaafameera.
Dhaabbonni mirga namoonaaf dhaabbatan fii jaarmayni Oklaand Inistiitiyuut ja’amu fii akkasuma gaazeezessaan obboo Mohamad Aadamoo faan marii irraa qooda fudhachuun barameera.