Guddinni Diinagdee Itoophiyaa itti fayydama naannoolee fi sabaa fi sablamoota biyyaatti walqixummaan kan mirkaneesse akka hin taane qorannoo Baankii Addunyaa mul’iseera.

Baay’ina ummata Itoophiyaa yeroo ammaa miiliyoona 100 tilmaamu keessa dhibbeentaan 33 hiyuummaa hamaa keessa akka jiran fi guyyaatti galii dolaarii 1.9 gadi kan argatan ta’uu qorannoo baankiicha mul’iseera
Lammiilee biyyaatti hiyyuummaa hamaa keessa jiraatan naannoolee duubaati hafan jedhaman kan akka Sumaalee, Affaar, Gambeellaa fi Beenishangul-Gumuuz keessaa baay’inaan akka jiraataniis qorannoo kun mul’iseera.
Yaa ta’u malee,jirattoonni naannoo Oromiyaa fi ummattoota kibbaa baay’een hiyyuummaa hamaa keessa akka jiraniis qorannoo Baankii Addunyaa kun mul’iseera
Ogeessi Diinagdee baankii Addunyaa Maayikil Giigar guddinni diinagdee biyyaatti kun naannoolee fi ummattoota biyyaatti hunda walqixummaan fayyaduu qaba jedhan
Gargarummaa guddina diinagdee naannoolee gidditti mul’atu xiqqeesuuf bu’uuraleen misooma daandii gara naannoolee hiyyuummaa itti baay’aatutti babal’isuun barbaachisadha jedhan
Baankiin Addunyaa akka lakkofsa warra faranjoota bara 2018 jalqabe waggoota shaniif wagga waggaan bajeeta dolaarii biiliyoona afur ol ramaduusa himaniiru.
Itoophiyaa maallaqa liqii fi deeggarsa kanatti fayyadamuu kan dandeessu guddina diinagdee naannoolee fi ummatoota biyyaatti walqixummaan irraa fayyadaman mirkaneessu yoo dandeesse qofa akka ta’e qorannoo kanarratti himameera.
Dawwattoota keenya,
Waa’ee dinagdee fi gudinaa biyyaa itoophiaa odeeffamu kana ilaalchisee marii ogeessa dinagdee Dr. Tafarii margoo wajjin tasifamee gidduu kana sagantaa Qophii Dhimma Keenyaa irrati akka dhaggeeffatan isin affeera.